Waraana Baha Giddugaleessaa

Waraana Baha Giddugaleessaa

Iraan Biyyoota lama US-ISRAEL waraanni irratti banamee birmadummaan ishee sarbameera waan ta’eef Gama Seera Idil addunyaan, Iraan weerara kana Of irraa ittisuuf mirga qabdi garuu, Deebiin Iraan diinagdee Addunyaa miidhaa jira.

Home » Waraana Baha Giddugaleessaa

Biyyoonni 30 ol (kanneen akka UK, Faransaay, Jarman, Kaanaadaa fi Jaappaan dabalatee ulaa galaanaa Hormuz banuuf waraana erguuf “qophii ta’uu” isaanii ibsa waloo mallatteessaniiru.

Sababa Iraan ulaa galaanaa Hormuuz cuftee doonii daldalaa fi boba’aa darbuu dhoorkiteef addunyaa irratti qaal’iinsi jireenyaa dabalaa jira. Gatiin boba’aa dabaleera! Konkolaatonni sababa boba’aq dhabuu tiin gatii geejjibaa dabalaniiru. Kuni Gatiin nyaataa fi wantoota bu’uura jireenyaa akka dabalu taasisaa jira.

Kan lola Eegale US-ISRAEL erga ta’ee iraan irratti maaliif tarkaanfiin fudhatama jechuun keessan hin oolu! Addunyaan yeroo amma Iraan haqa qabdi jechuu hin dandeessu! Haalli yeroo ammaa jiru Haqa Iraan ilaaluuf carraa hin kennu Kanaaf biyyoonni addunyaa keessaahuu araboonni akka lolli kun hatattamaan xumaramuuf jecha, Ameerikaa fi Israa’eel wajjiin wal gargaaranii Iraan irratti tarkaanfii Fudhachuuf qophaa’aa jiru.

Dubbii waraana Iraanii fi US-Israel kana hubachuuf seenaa keessummaa gabaabaa Armaan gadii kana fakkeenyaaf kaasuun ni danda’ama.

“Bara durii namicha tokkotu daandii fagoo deemaa oolee, osoo deemuu lafti itti dhihe. Halkan gaafa itti dhihu, mana namoota tokkootti goree, “halkan kana na bulchaa” jedhee gargaarsa gaafate. Warri abbaa manaas, “tole buli” jedhanii keessummeessan. Namichi keessummaan kun guyyaa guutuu deemsa karaa fagoo irra oolee waan tureef, nyaata tokkos hin arganne; kanaan kan ka’es baay’ee beela’ee ture.

Osoo namichi keessummaan kun, “yoom irbaatni naaf dhufa?” jedhee hawwiin eeggachaa jiruu, haati manaa namicha keessummaa kana bulchee irbaata fiddee lafa keesse. Garuu, utuu nyaatni hin eegalin abbaa manaa ishee wajjin dubbii kaaftee falmii jalqabde. Mormii kanas dhiisuu diddee dubbii itti dheeressite.

Also Read  Unit - 6 Management of Type 2 Diabetes: Life Style Interventions and Oral Agents

Abbaan manaa haadha manaa isaatiin, “Lakkii dhiisi, keessummaa biratti akkas hin dubbatin; amma irbaata kana haa nyaannu,” jedhee ishee gorse. Garuu dubartiin kun dhaga’uu hin dandeenye; dubbii ittuma fuftee nyaata eegalchiisuu didde. Keessummaan kun garuu beelaan dhumachaa waan tureef, irbaata sanaaf baay’ee ariifachaa ture!. Haati manaa garuu dubbii dhaabuu diddee, akka jarri nyaata hin arganne gufuu ta’uu itti fufte.
Kana booda abbaan manaa obsa fixatee, haadha manaa isaa kana kabale. Namichi keessummaan kunis achumaan gama isaatiin ka’ee haadha manaa namichaa kaballaa jabaa tokko cabsee rukutee lafaan ga’e! Abbaan manaas baay’ee dinqisiifatee keessummaa sana akkas jedhee gaafate: “Ani haadha warraa kooti, balleessaa isheetiifan kabale; ati garuu keessummaadha, maaliif ana wajjin haadha manaa kiyya rukkutta?” Keessummaan kunis akkas jedhee deebiseef: “Eeyyeen, dhugaa keeti; ani haadha manaa kee wajjin lola dhuunfaa hin qabu. Garuu dubbiin ishee kun hunda keenya beelaan nu gubaa jira. Akka lolli kun gabaabbatee, hatattamaan xumaramuufan si gargaare. Sababni isaas ani beela’een jira; kanaaf dafnee wal gargaarree ishee rukkunnee dubbii dhaabnee gara nyaataatti deebina jedheen kana godhe,” jedheen.

Mammaakni namicha keessummaa beela’ee fi haadha warraa dubbii kaastee irratti dhiyaate, qabatamaan haala Giddu-gala Bahaa yeroo ammaa jiru ijaan akka arginu nu taasisa. Seenaa kana keessatti, namichi keessummaa beela’ee sun haadha warraa sana kan rukuteef “balleessitetta” jedhee murtii kennuuf osoo hin taane, lolli kun “irbaata koo na jalaa tusiisaa jira” jedhee tarkaanfii fudhate.

Waraanni Iraanii fi US-Israel mammaka kanaa wajjiin wal fakkaata. kan lola Eegale US-ISRAEL dha garuu, tarkaanfiin iraan addunyaa guutuu miidhaa jira waan ta’eef, Biyyoonni addunyaa Hedduun keessaahuu araboonni akka lolli kun dafee xumaramuuf Iraaniin Ameerikaa fi Israa’eel wajjiin Iraan irratti duuluuf qophaa’aa jiru!.

Also Read  Unit – 7 Insulin Initiation and Titration in Type 2 Diabetes Mellitus

Gama waraana dursanii Eegaluutin Ameerikaa fi Isiraa’el badii qaba!. Haa ta’u malee, siyaasa addunyaa keessatti “eenyutu lola eegale?” gaaffii jedhu caalaa, “lola kanaan eenyutu miidhamaa jira?” kan jedhutu murtii dhuma fida.

Iraan yeroo of-ittisuuf jettu, waraana kallattiin Israa’eel fi Ameerikaa irratti tarkaanfii fudhachuu qofa utuu hin taane, ulaa boba’aa addunyaa cuftee dhiibbaa dinagdee addunyaa irratti fayyadamuuf yaalii gochaa jirti. Inni kun immoo dubbiin kun “Iraan haqa qabdi” jechuu irra darbee, waraana kana gara rakkoo “jiruu fi jireenya addunyaa” jedhutti jijjiiramu taasisa! Kunis addunyaan Iraan irratti akka duula waloo bantuuf sababa ta’aa!.

Iraan kallattiin biyyoota addunyaa irratti waraana ifaa hin banne, Garuu Ameerikaa fi Israa’eeliif jecha iraan ulaa galaanaa (Strait of Hormuz) irratti to’annoo cimsuun dooniin boba’aa fi daldalaa akka hin darbin gochuun ykn daangessuun ishee waraana dheereessuu dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa uumee, gatiin boba’aa akka ol ka’u godhee jira, biyyoota hedduu keessatti rakkoo jireenyaa fi beelaa fiduu danda’a Kanaaf j Iraan kallattiin waraana yoo hin babal’isin illee, tarkaanfii ishee (indirect actions) addunyaa guutuu irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jirti.

Mammaaka “Keessummaan Beela’ee tarkaanfii inni fudhate sun” gama seeraatiin dogongora garuu! Inni waa’e haadha manaa namaa ta’uu fi dhiisuu ishee osoo hin taane! Waa’ee beelaa qofa yaadaa jiraa!.

Kunis Maaliif biyyoonni Arabaa fi humnoonni addunyaa biroo dhimma birmadummaa Iraan caalaa, irbaataa fi boba’aa isaaniitiif jecha Iraan irratti tarkaanfii fudhachuu akka deeggaran saayinsii siyaasaa fi loojika diinagdeetiin hubachuun ni danda’ama.

Siyaasa addunyaa keessatti “Stability over Justice” Haqa caalaa Tasgabbii filachuun barteedha. Iraan badii qabaachuu dhiistus, daldala addunyaa irratti gufuu yoo taatee itti fufte, addunyaan beela dhufaa jiru ittisuuf jecha mirgaa fi birmadummaa Iraaniif dursa kennuu dhiifte tarkaanfii fudhachuuf dirqamti.

Also Read  Unit – 1 Definitions & Epidemiology of Diabetes Mellitus

Biyyoonni Hedduun Israa’eelii fi Ameerikaa wajjin walitti bu’uu irra, Iraanii irratti dhiibbaa uumuu wayya jedhanii Amanu!. Biyyoonni kun Ammaaf hunduu suuta suutaan sagalee dhageesisaa jiru. Guyyoota 10 fuuldura keenya jiran keessatti wanti ta’u beekamu danda’a.

Addunyaan kun kan warra Humna qabuti! Haqa yokan Birmadummaa biyyootaa fi seera Idil addunyaa wanti jedhamu biyyoota Superpower fuulduratti hiika tokko hin qabu!. Iraan Jalqabuma waraana Humna wal hin madaalle kana karaa siyaasaa fi Dippilomaasii furuun gaarii ture!.

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

Comments

No comments yet. Why don’t you start the discussion?

Leave a Reply