Iraan Irraa Biyyoonni SunniI Maal Barachuu Qabu?, Kutaa 1ffaa

Iraan Irraa Biyyoonni SunniI Maal Barachuu Qabu?, Kutaa 1ffaa

Ji’oota lamaan darban keessatti, waraanni bal’aan Israa’el fi Ameerikaadhaan Iraan irratti baname oduu addunyaa irratti dursa argachuun xiyyeeffannoo hunda harkiseera. Akkaataan namoonni dhimma kanaaf qaban maaliyyuu yoo ta’e, waraanni kun dhiyeessii boba’aa fi gaazii akkasumas cufamiinsa karaa bishaan irraa Hormuz irratti dhiibbaa inni uume mana fi jireenya dhuunfaa namoota hunda keessatti mullachuu jalqabeera.

Dhiibbaan jireenyaa kun namoota baay’ee biratti yaaddoo fi gaaffii uumullee, xiinxalaa fi dhiibbaa kallattii waraanichaa irra darbee dhugaa tarsiimoo guddaa yeroo baay’ee dagatamu tokko hubachuu qabna.

Innis haala Iraan irraa kan nuti hubannu: jabinni fi abbaa biyyummaan hawaasa tokkoo yeroo rakkoo keessatti kan madaalamu, hidhaa hirkattummaa kutanii of danda’anii miilla ofii irratti dhaabbachuu danda’uu isaaniiti.

Iraan waggoota afurtaman darban qoqobbi walirra tuulame, qofatti baafamuu fi dhiibbaa ammayyuu irratti raawwatamaa jiru dandamachuu kan dandeesse kuusaa maallaqaatiin osoo hin taane, “seeyfii ofii qaruu” fi ogummaa uumuu irratti hundaa’uun ijaarsa dhaabbilee cimaa uumuu isheetiini.

Biyyoonni Arabaa Sunnii tarsiimoo meeshaa waraanaa bitanii hidhachuu hordofan. Meeshaa bituun “maamila” nama taasisa; meeshaa ofii hojjechuun garuu “michuu fi jabaa” akka nama taasisu Iraan addunyaatti agarsiifteetti.

Hayyoonni fi dhiibbaa uumtonni biyyoota Sunnii barumsa guddaa kana irraa barachuu qabu; sababni isaas bilisummaan dhugaa kan argamu hidhaa sammuu “yoo meeshaa(bu’aa) warra dhihaa hin taane hin hojjetu” jedhu keessaa bahuun, damee hundaan—teeknoolojii, diinagdee, saayibari, ittisaa fi dhimmoota abbaa biyyummaa ofii harka ofiitiin bocuu yoo danda’ame qofadha.

Xiinxalli barruu kanaa biyyoota Muslima Sunnii irraa ka’uun haa ta’u malee, nuti Itoophiyaanoonnis akka biyyaatti humni dhugaa bituu danda’uu keessa osoo hin taane hojjechuu fi uumuu danda’uu keessa akka jiru hubannee, hirkattummaa keessaa baanee gara ofdanda’u abbaa biyyummaatti(bilisumma guutuu qabu) imala nuti taasisnu ariifachiisuu qabna.

Barruu kana obsaan akka dubbistan waamaa, marii dabalataatiif fuula kana hordofuun, barruu kana hiruu (share) fi yaada keessan jalatti akka barreessitan isiniin gaafadha. Dubbisa gaarii.

Boollo Yaadaa fi Gufuu Seenaa

Waa’ee Iraan ishee Shii’aa taate ilaalchisee barnoonni balaaleffannaa kallattii ‘Aqiidaa fi Manhajii’ isaanii irratti xiyyeeffate, biyyoonni Sunnii uummatni fi mootummaan Iraan maal akka galmaan gahan, maaliif galmaan gahuu akka danda’anii fi akkamitti akka galmaan gahan akka hin gaafanne ija isaanii kan haguuge fakkaata. Yookiin ammoo seenaa rakkoo ‘Aqiidaa’ Iraan duuba dhatan dhokachuu filataniiru.

Biyyoota Sunnii keessatti dhaabbilee amantii fi miidiyaalee isaaniitiin waa’ee jallina ‘Aqiidaa’ Iraan baay’ee dubbachaa turan. Namni xiyyeeffannoo itti kennes Iraan meeshaa fi michuu Yihudootaa akka taate, walitti bu’iinsi isaaniis akka fakkeessii jechaa qofaatti dhiyaachaa ture. Haata’u malee, dhugaan lafa irratti mullate warri Iraaniin qeeqaa turan sun ofii isaaniiyyuu deeggarsa Yihudootaa fi warra dhihaatiin hirkattummaa keessatti kufanii, of eeguus ta’e warri “nu eegu” jedhan osoo isaan hin eegin hafanii, dhuunfaanis ta’e waliin of danda’uu dadhabanii yeroo rakkatan argamaniiru. Dhugumatti, jalqaba irrattiyyuu akkamitti qaamni tokko dhimma jireenyaa fi nageenyaa isa dhumaa fi ulfaataa ta’e qaama isaan hin fakkaanneetti “nu eegaa” jedhee kenna? Kan jedhu ofii isaatiiyyuu nama dinqisiisa, nama gaddisiisas.

‘Aqiidaa’ Balaa qabuu fi Madaallii Keenya

Garee Shii’aa hundi madaallii Qur’aana fi Hadiisaatiin gosti fi sadarkaan isaa haa garaagarru malee, jallinni, dogoggorri fi hir’inni nuti fudhachuu hin dandeenye baay’een akka keessatti argaman homaayyuu shakkii hin qabu. Kan biraan yeroof yoo dhiisameeyyuu, dhimma Sahaabotaa irratti amantiin isaan qaban qofti baay’ee gadhee dha. Rakkoolee kanaan wal-fakkaatan beekuu fi beeksisuun sirrii dha. Haaluma wal-fakkaatuun, waan isaan irraa barannu irratti qofa xiyyeeffachuun hir’ina isaanii barsiisuu irraa of qusachuu hin qabnu.

Also Read  Itoophiyaan biyyoota kamirraa boba'aa galfatti, hirkatummaa kana keessaa akkamiin baati?

Biyya yookiin garee morminu tokko ittiin madaallu madaalliin tokkichi ‘Aqiidaa’ (ilaalcha amantii) qofa miti. Amantiin madaallii tokko haa ta’u malee, madaalliiwwan qaroomummaa fi jabinnaa biroon baay’eedha.

Biyyoonni Sunnii dadhabina Shii’aa qeequu irratti yeroo fixan, Iraan garuu of danda’uu, humna uumuu fi ijaarsa irratti hojjechaa turte. Warri kaan “rakkoo maalii qabu?” kan jedhu irratti yoo xiyyeeffatan, isaan garuu “maal ta’uu qabና?” kan jedhu irratti xiyyeeffatanii hojjetan. Har’a isaan humna ijaaraa jiru, biyyoonni Sunnii baay’een garuu hirkattummaa keessatti kufaniiru.

Xiyyeeffannoon barruu kanaa rakkoo Iraan fi Shii’ootaa tarreessuu osoo hin taane, ogummoota isaan irraa barachuu dandeenyu jiraachuu isaa agarsiisuu dha. Ergamaan Rabbii (SAW) ogummaa fi tarsiimoo qaama kam irrayyuu barachuu akka qabnu ifatti nu gorsaniiru. Akka kanaan:

الْكَلِمَةُ الْحِكْمَةُ ضَالَّةُ الْمُؤْمِنِ فَحَيْثُمَا وَجَدَهَا فَهُوَ أَحَقُّ بِهَا “
“hikmaan meeshaa Mu’uminaa jalaa baddee ; lafa argatetti isatu fudhachuuf irra caalaa mirga qaba.”

Ogummaan meeshaa mu’uminaa jalaa badee dha yoo jennu, diinni keeyyuu ta’u ogummaan fayyadamee bu’aa kan itti uume yoo argite sirra qabuun barachuu ni dabalata.

Madaallii Humna Dhugaa fi Hidhaa Hirkattummaa

Ulaagaaleen nuti jabinna qaama tokkoo ittiin madaallu baay’eedha. Qulqullinni barnootaa fi ijaarsi beekumsaa dhaabbatummaa qabu madaallii murteessaa dha. Hawaasa saayinsii ammayaa fi teeknoolojiin qaruun hirkattummaa hir’isuu fi of danda’uun (Self-sufficiency) madaallii guddaa dha.

Madaalliin bu’uuraa biraan ammoo “Yaada Sirnaawaa” (Systems Thinking) dha. Rakkoolee dhimmoota xixinnoo qofaan osoo hin taane, bal’inaan fi karoora tarsiimoo yeroo dheeraatiin ilaaluu danda’uu, dhaabbilee walitti qindessuun ijaarsa qaroomummaatiif hiriirsisuu danda’uun madaallii guddaa dha.

Sirna addunyaa haaraa fi jijjiiramaa jiru kana keessatti, jabinni hawaasa tokkoo kuusaa maallaqaa yookiin qabeenya uumamaa badhaadheen qofa hin madaalamu; qabeenya sana kaayyoo itti fufiinsa qabuuf fayyadamuu fi miilla ofii irratti dhaabbachuu danda’uun isaa madaallii humna isaa isa dhugaa ta’eera.

Biyyoonni Sunnii hubachuu kan qaban, maallaqaan meeshaa waraanaa bituun nageenya yeroo qofa malee humna waaraa akka hin kennine dha. Teeknoolojii bitattummaa irra dabaranii abbaa ogummaa ta’uun biyya keessatti uumuu, abbaa biyyummaai(bilisumma guutuu qabu) dijitaalaa mirkaneessuu fi madda humna ofii ijaaruun madaallii dandeettii hawaasichaati.

Abbaan biyyummaa dhugaa teeknoolojii alaatti bitamuun osoo hin taane, beekumsa biyya keessatti uumamu fi dhaabbilee cimaa qofaan waan dhufuuf, qabeenya maallaqaa gara beekumsaa fi dhaabbilee qabeenyaatti jijjiiruu yoo hin danda’in, yeroo hunda eeyyama warra biraatiin jiraatu.

Iraan dhiibbaa sanqata waggoota kurnan darban keessa turte irraa kan baratte dhimmi guddaan “seeyfii ofii qaruu” gatii inni qabuudha. Kunis biyyoota Sunniitiif barumsa tarsiimoo guddaa dha. Kanaafuu, qaama tokko yoo madaallu ejjennoo amantii keenya eeggachaa, gama qaroomummaa fi jabina kanaan sadarkaa inni irra gahe xiinxaluun barumsa qabatamaatiif barbaachisaa dha.

Also Read  Iraan irraa biyyoonni Sunnii maal barachuu qabu?, Kutaa 2ffaa

Dhimma Filisxiin fi Garaagarummaa Ogummaa Tarsiimoo

Gaaffii fi qabsoo uummata Filisxiin deeggaruun iddee humna qaama tokkoo ittiin madaalamu dha. Qaamolee Muslimoota miidhan fi cunqursan qabatamaan falmachuu fi deeggarsa tarsiimoo gatii nama kaffalchiisu gochuun mallattoo jabinnaati. Namoonni tokko tokko Iraan deeggarsi isheen murna hidhattoota Shii’aaf goctu fi Filisxiinotaaf goctu qixxee akka hin taane dubbachuun, dhimma Filisxiin faayidaa poolitikaatiif fayyadamaa jirti jedhu.

Dhimma Filisxiin akka kaardii poolitikaatti fayyadamuu barbaaddi kan jedhu gama tokkoon dhugaa ta’uu ni danda’a; garuu gaaffiin murteessaan asitti ka’u: “Biyyoota Sunnii keessaa biyyi akka Iraan maallaqa, teeknoolojii fi meeshaa waraanaa Filisxiiniif kenne kaffaluuf ijjannoo qabu tokko jiraa?” Kan jedhu dha. Deebiin isaa ifatti “Hin jiru” kan jedhu dha!

Faayidaa poolitikaatiif haa ta’u malee Filisxiinota gargaaruun, biyyoonni Sunnii maaliif akka Iraan Filisxiiniin deeggarsa tarsiimoo gochuun fayyadamuu hin barbaadne?

Qabatamaan kan mullate biyyoonni Arabaa Sunnii baay’een isaanii kanaaf qophaa’uu dhabuu qofa osoo hin taane, faallaa kanaan hiriiruun isaanii saaxilamaa jira.

Iraan waan goctu hunda faayidaa yeroo dheeraatiif herregdee yoo raawwattu, biyyoonni Arabaa Sunnii garuu sodaa ofii fi miira hirkattummaatiin daangeffamaniiru. Bara dadhabinni biyyoota Sunnii saaxilame kanatti, Iraan dhimma Filisxiin irratti dhiibbaa uumtee fi humna waraanaa mormituu taatee bahuun ishee ofii isaatiif barumsa guddaa dha.

Gaaffiin bu’uuraa “Iraan maaliif hojjette?” osoo hin taane, “Biyyoonni Sunnii maaliif hin hojjenne? Yookiin hojjechuu dadhaban?” kan jedhu ta’uu qaba. Hayyoonni biyyoota Sunnii kuffaatii tarsiimoo kana keessaa bahanii irree dhaabbataa fi humna ofii isaanii yoo hin uumne, haalli kana caalu isaan eeggata.

Abbaa Biyyummaa Teeknoolojii fi Seeyfii Ofii Qaruu

Addunyaa ammayaa keessatti humni dhugaan harka “bituu danda’u” osoo hin taane harka “hojjechuu danda’u” jira. Biyyi Muslimaa tokko warra dhihaa irratti hirkattuu osoo hin taane miilla ofii irratti dhaabbachuu akka dandeessu qabatamaan agarsiisuun ishee milkaa’ina guddaa dha.

Biyyoonni galaana (Gulf) biliyoonaan doolaara dhangalaasanii meeshaa ammayaa yoo hidhatanis, abbaa ‘Icciitii Koodii’ (Secret Code) meeshaa sanaa waan hin taaneef abbaa biyyummaan isaanii guutuu miti.
Meeshaan alaatti bitamu koodiin icciitii isaa biyya gurgurteef humna guddaa kenna. Biyyi gurgurte sun yeroo barbaaddetti fageenya irraa meeshaa sana to’achuu yookiin akka inni hin hojjenne gochuu dandeetti; kun ammoo yeroo waraanaa meeshaan sun gatii dhabuu danda’a jechuu dha. Iraan garuu kiyyo hirkattummaa kana hubachuun meeshaa bituu irra ogummaa hojjechuu sana dhuunfachuu filatteetti.

Abbaa biyyummaai(bilisumma guutuu qabu) jechuun gama teeknoolojiitiin sooftiweerii fi meeshaa ofii biyya keessatti oomishachuu dha. Iraan koodii ofii fayyadamuun hidhaa hirkattummaa yoo kuttu, biyyoonni galaanaa garuu ammayyuu meeshaa furtuu warra biraatiin socho’u irratti hirkatu.

Meeshaa bituun “maamila” nama taasisa; meeshaa hojjechuun garuu “michuu” nama taasisa. Warri abshaarri teeknoolojii bituu irra “abbaa ogummaa” ta’uu kaayyoo isaanii gochuu qabu. Seeyfii bituun ni danda’ama, ogummaan seeyfii hojjechuu garuu hin gurguramu; barachuun malee hin argamu. Abbaa biyyummaa dhugaan abbaa ogummaa kana ta’uu irraa dhufa. “Mana hidhaa yaadaa” kan jedhamu “waan warri dhihaa hojjetan malee hin hojjetu” kan jedhu miira hirkattummaa sammuu keessa jiru dha. Miira kana cabsanii “nuti hojjechuu ni dandeenya” jedhanii sochii uumuun jabina dhaabbilee ijaaruuf tarkaanfii jalqabaati.

Also Read  Asoosama Gabaabaa “Dungoo Halkan Sanaa”

Ijaarsa Hayyootaa fi Qindoomina Sirna Barnootaa

Hawaasni tokko miilla ofii irratti dhaabbachuuf baay’ina qofaan osoo hin taane qulqullinaan hayyoota madaalawaa ta’an barbaada. Hayyoota jechuun dhaloota ogummaan qaramu fi amantii isaatti jabaatu jechuu yoo ta’u, hayyoonni kun dhaabbilee hawaasichaa keessatti hir’ina jiru duuchuuf murteessoodha. Biyyoota galaanaa keessatti yeroo baay’ee hayyichi amantii irraa fagaatee, amantichi ammoo saayinsii ammayaa irraa fagaatee mullata; hir’inni kun hawaasicha bakka lamatti qooduun dande dandeettiin akka faca’u taasiseera.

Iraan garuu aalimman fi hayyoota qindeessitee fayyadamuun dhaloota amantii fi dandeettiin badhaadhe uumteetti. Ijoolleen ishee amantii fi dandeettiin qaraman sun dhiibbaa sanqata keessatti xiyyaarota nama malee deeman fi misaayiloota hojjechuun biyya isaaniitiif gumaachaniiru.

Of danda’uun sirna barnootaa irraa jalqaba

Qaamni of danda’uu galma godhate sirni barnootaa isaa bitattuu fi hordoftuu osoo hin taane, dhaloota dursee deemuu fi uumuu danda’u oomishuu isaa mirkaneessuu qaba.

Iraan manneen barnootaa amantii saayinsii ammayaa waliin qindeessuu isheeti; qindoominni kun barnoonni dhimma hafuuraa qofatti osoo hin hafin biyya akkamitti bulchuun akka danda’amu akka dabalatu taasiseera.

Milkaa’ina ariifachiisaa argachuuf biyyi kamiyyuu saayinstoota fi mijaahisota (engineers) isaaniitiif kabaja guddaa fi carraa hojii kennuu qabu. Iraan saayinstoota ishee alaatti baratan kabaja guddaadhaan gara biyyaatti deebifti; kun ammoo sammuu isaanii faayidaa biyyaa fi hawaasaaf akka oolchan isaan onneeza.

Biyyoonni galaanaa hayyoota isaanii kabajuun baqannaa sammuu (brain drain) dhaabuu qabu.

Akka Iraan keessatti godhametti biyyoota Sunnii keessattis geggeessitoonni amantii “teeknoolojii barachuu fi of danda’uun qaama ‘Ibaadaa’ (amantii) ti” jedhanii barsiisuu qabu. Kun yoo ta’u miirri teeknoolojii sodaachuu ni bada; amantii fi saayinsiin ammayaa dhimmoota walitti hin buune ta’uu isaanii agarsiisuun bu’uura jijjiiramaati.

“Ni dandeenya” jedhanii amantaa jabaa qabaachuun hirkattummaa warra dhihaa irraa nama walaba taasisa. Bilisummaan dhugaan hojjechuu fi ijaaruun malee eeguun hin dhufu. Biyyoonni Arabaa lammiileen isaanii Iraaniin madda tarsiimoo godhatanii akka hin ilaalle hojjechaa turuun isaanii hidhaa yaadaa kana eeguufi. Lolli guddaan bilisummaa fi hirkattummaa gidduu dha.

Iraan of danda’uun kabaja biyyaa fi abbaa biyyummaatiif gootummaan dhaabbachuu dhugaa isaa agarsiifteetti; muuxannoo kana irraa barachuun keenya filannoo osoo hin taane dirqama. Akkasumayyuu, dhimma ‘Aqiidaa’ irratti jallina qabu Shii’oota irraa maal baranna jechuu keessaa baanee, jabina tarsiimoo fi kutannoo kaayyoo isaaniitiif qaban ilaalchisee barachuu qabna. Gara humnaatti karaan geessu tokkichi of danda’uu qofadha.

Akka biyyaa fi uummataatti nuti Itoophiyaanoonnis waan ta’aa jiru irraa waan barannu baay’ee qabna. Isin uummata fi mootummaa Iraan irraa maal barachuu qabna jettu? Yaada keessan iddee yaadaa (kommenit) jalatti barreessaa. Kan har’aa kanaan nagaatti.

Barreessaan: Ahimaddiin Jabal

Comments

No comments yet. Why don’t you start the discussion?

Leave a Reply