Israa’el: Duriif Ammaa, Kutaa 3ffaa

Israa’el: Duriif Ammaa, Kutaa 3ffaa

ISRAA’EL: TA DURII FI TA AMMAA


(Kutaa 3ffaa)

Kutaa lamaan duraa keessatti saboonni Israa’el kudha lamman akaakayyuu isaanii Abraham (Ibraahim) irraa hiddi latiinsa isaanii dhufuu isaa, saboonni (gosoonni) kudha lamman sun waggoota kuma tokkoof tokkummaan waliin jiraatuu isaanii, yeroo Mootii Daawit (Dawud) san lafa baldhaa hanga laga Euphratis Iraaq jiru irraa hanga Gammoojjii Siinaa Gibxi jiruutti lafa baldhifachuu isaanii, san booda aadda bahuu (qoodamuu) isaanii, erga adda bahan booda saboonni kurnan weerara Aseeriyaanotaatiin achumaan baduu isaanii, saboonni lamaan hafan ammoo Yihudii (Jews) jedhamuu isaanii,

Yihuudonni kunis weerara Impaayera Roomaatiin addunyaa irra faffaca’uu isaanii, yeroo Impaayerri Islaamaa naannoo sanitti babaldhataa tureefi mootummoonni Islaamaa san booda dhufanii waggoota kumaa oliif naannoo san bulchaa turanitti Yihuudonni muraasni naannoo sanitti hafanii turan mirga fooyya’aa argachuu isaanii. Yihuudonni faffaca’anii turan ammoo biyyoota adda addaa keessatti—keessattuu Awuuropaa fi Raashiyaa keessatti— dhiibbaan garagaraa, jibbiifi miidhaan adda addaa (antisemetism) isaan irra gahaa turuu isaa kutaalee lamaan duraa keessatti ilaallee ture. Kutaa sadaffaa itti haa fuufnuu:

Manni Amantaa Ortoodoksii Raashiyaa Yihuudota akka ummata badaa Kiristoos hiraarsanitti barootaaf barsiisaa turte. Awuroopaa keessattis ijuma saniin ilaallamu ture—akka ummata hamaa Kiristoos hiraarsanitti. Haalli kun ammoo jibbi Yihuudotaa akka cimu shoora taphataa ture.

Bara 1881 mootiin Raashiyaa Alexander II jedhamu tasa ajjeefama. Olololli Yihuudotatu ajjeese jedhu ni babaldhata. Isaan garuu ajjeechaa keessaa harka hinqaban ture. Jibba dura ture irratti ololli kun dabalamee akka Yihuudonni Raashiyaa keessa jiran haleelaman godhe. Yihuudonni barbaadama tumaman. Muraasni ni ajjeefaman. Isaan hafan ammoo haala kana irraa Raashiyaafi Awuroopaa dhiisanii baqachuutti ka’an.

Jibba, tuffii fi miidhaa Yihuudota irratti yaaduu fi raawwachuun ‘antisemetism’ (jibba-seemii) jedhama. Yihuudonni bebeekkamoo fi dhiibbaa uumuu danda’an jibba-seemii Awuroopaafi Raashiyaa keessatti hidda godhatee isaanis miidhaaf saaxilaa ture kana haala dhaabuu danda’an irratti bara 1880moota keessa marii’achuu jalqabu. Marii isaanii kana irrattis ‘biyya saba Yihuudii qofa hammattu’ ijaaruun rakkoo jibba-seemii kanaaf furmaata akka ta’e amanu. Lafti biyya san itti ijaaran ammoo Paalastiin akka taatu waliigalan.

Sochiin Yihuudota addunyaa irraatti faffaca’anii jiran walitti qabanii Paalastiniitti deebisanii biyya Israa’el jedhamtu ijaaruu ammoo “Zionism” jedhama. Imalli biyyoota san irraa Yihuudotaan gara Paalistiin godhamu “Aliyah” jedhama. Sochii Zionism (Tsi’oonummaa) kana ammoo akka piroojektii guddaatti kan sochoosaa turan Yihuudota barnootaan, beekumsaan, beekamtiinii fi qabeenyaan sadarkaa gaarii irra turaniidha.

Namni akka hundeessaa Sochii Zionism-tti ilaalmu Theodor Herzl gaazexeessaafi barreessaa cimaa ture. Bara 1896 kitaaba “Der Judenstaat” (Mootummaa Israa’el) jedhu barreessa. Kitaabicha keessattis murteessummaa biyya Yihuudui of-dandeette irratti ibsa kenna. Itti aanse, bara 1897 marii bakka-bu’oota hawaasa Yihuudii biyya Swizerland, magaalaa Baasel jedhamtu keessatti qopheessa. Mariin isaanii kunis Dhaabbata Tsioonummaa (World Zionist Organization) akka hundeeffamuuf bu’uura ta’a.

Zionistootaaf (warra Paalistiinitti biyya Isaa’eel jedhamtu ijaaruu hawwaniifi kaayyoo kana milkeessuuf hojjataniif) qormaata guddaatu isaan fuuldura ture. Innis: bara isaan sochii san yaadaniifi jalqaban (1880moota keessa) lafti Paalistiin sun lafa duwwaa jirtuu miti. Lafa ummanni kuma dhibba jaha ta’u irra jiraatuudha. Ummata san keessaa ammoo %2–3 kan ta’u (~20,000) qofatu Yihuudiidha. %90 kan ta’an ammoo Araboota Paalistiinii turan. Yihuudota san harka ammoo lafa %0.5–1 taatu tama akka qe’ee dhuunfatti irra jiraatan qofatu harka isaanii ture.

Kaayyoon ijoon sochii Zionism (Zaayonizimii) haalli asii olii kun (haalli baayi’inni ummataa fi qubatiinsa lafaa Paalistiini jiru) jijjiiramaa deemee biyyi Israa’el jedhamtu milkeessuudha. Kana milkeessuuf, sochiin kun Yahuudota Awuroopaa fi Raashiyaa keessatti jibbiinsi hamaan irra gahaa ture gara Paalisitiin akka deebi’an suuta suutan erguu jalqaba.

Also Read  Haadha Siiqqee - The Guardian of Women’s Voice in Oromo Tradition

Imala kana (Aliyah) daran milkeessuuf akka idla-addunyaatti ‘World Zionist Organization’ marii duraa irratti kan hundeessan yoo ta’u, marii-waggaa marsaa shanaffaa irratti ammoo ‘Jewish National Fund’ hundeessu. Isaan kun lamaan Yihuudota Paalistinitti erguu irratti hujii baldhaa hojjatu. Paalistiin keessaatti Yihuudota Awuropaadha garas deeman kan simatu ‘Jewish Agency for Palestine’ kan booda irra Jewish Agency ta’u hundeessuun hojicha cimsanii itti deeman.

Yihuudonni biyya keessa (Paalistin) jiraataa turan Jewish Agency waliin ta’uun lafa bituun, manneen barnootaa ijaaruun, dhaabbilee fayyaa babaldhisuun, Yahuudota Paalistiinitti deebi’an akka gaaritti gargaaruu qaban. Jidduu bara 1881 fi 1914 (hanga waraanni addunyaa tokkooffaan) jalqabutti Yihuudonni kuma afurtama (~ 40,000) ta’an Raashiyaa fi Awuroopaa irraa gara Paalastiin deemanii qubatanii jiru. Warri qubatan kun ammoo aadaafi afaan Hibruu achitti akka babaldhatu xaaraa turan.

Bara 1914 Waraanni Addunyaa Tokkoffaan ni dhoha. German, Austro-Hungary fi Ottomaan Turkii garee tokko turan. Gareen isaanii Garee British, France fi Raashiyaatiin ni moyatama. Otomaan Turkiin waranicha irratti waan mohatameef, lafa baldhaa Impaayera Otomaan Turkii jala ture biyyoonni injifatan kun adda qoqqoodatu. Qoqqoodiinsa kanaan Paalistiin kan dura Otomaan jalatti bulaa turte–British (Ingilizootan) bara 1917 qabamti.

Biritishonni Paalistiin qabatu. Ministera hajaa-alaa British namni ture kan Arthur Balfour jedhamu labsii tokko baruma san (1917) baasa. Innis lafa Paalistiin irratti biyya (mootummaa) Jiwiish ijaaruu kan jedhudha. Labsiin kun ‘Balfour Declaration’ jedhama. Labsiin Balfour kun ammoo kan sochii Zionism jalqabamee ture san daran cimsuu danda’uudha.

Labsii kana booda Yihuudonni gara lafa Paalastiin tan British-iin jalatti bulaa jirtuu godaanan haalaan dabalan.

Kanaanis baay’inni isaanii kan bara 1880moota keessa %3 hin caalle ture, bara 1922 laakkofsi Yihuudota Paalistiin jiranii 83,790 (laakkofsi ummata waligalaa ammo 752,048) ture. Kan jechuun baay’inni Yihuudotaa gara %11 olsiiqe jechuu. Bara 1925 Hebrew Univeristy Jerusalem keessatti hundeessan. Inni kun deebi’aanii dandamachuu fi ijaaramaa dhufuu Yihuudotaaf (Israa’eliif) akka waan guddaatti ilallame. Imala Awuuropaa fi Raashiyaa irraa godhamuun laakkoofsi isaanii suuta suutaan akka dabalaa dhufu hojjatame.

Waggaa torba booda bara 1929tti laakkofsi Yahuudotaa 156,481 (kan waliigalaa ammoo 992,559) ta’e. Gara %16 ol siiqe jechuudha. Bara 1936 laakkofsa ummata waligaala 1,336,518 kana keessaa Yihuudonni gara 370,483 guddatan. Kun ammoo %28 ummata lafa sanii ta’an jechuudha.

As irratti hin dhaabbane kun yeroma yeroon dabalaa deeme. Demography (haala baay’innaafi facaatii ummataa) lafa sanii (Paalistiin) jijjiiruu cimsanii itti fuufan.

Yeroo kun hundi ta’u Araboonni Paalistiinii ta’anii ilaalaa turan moo gaafiin jedhu isin keessatti umaamuu hin oolu. Bara 1920 fi 1921 mormii fi jeequmsi guddaan Araboota Paalistiniitiin bulchiinsa Ingilizii (British) irratti sababa baay’innaan qubsiifamuu Yahuudoota irratti ka’ee ture.

Abbootiin amantaa, namoonni siyaasaa, beektonnii fi hoggantoonni hawaasaa Paalistin walitti dhufanii Palestinian National Congress bara 1919 (waggaa lama Labsii Balfour booda) hundeeffatanii turan. Dhaabbanni kunis gara Liigii Mootummootatti (League of Nations) Paalistiinii bilisa taate ijaaraachuu akka barbaadaniifi isa irratti akka Liigichi gargaaru xalayaan deddeebiin gaafataa ture. Garuu itti hin milkoofne. Itti milkaayuu dhabuu qofa otoo hintaane, Liigiin Mootummootaatuu Biritish haala Jiwishonni Paalistin irraatti biyya ta’uu danda’an irratti akka gargaartu ‘mandate’ (ajaja ykn hadaraa) itti kennee ture.

Baay’innaan qubsiifamaa dhufuu Yihuudotaa fi loogii Biritishoonni isaaniif godhan mormuun ammas bara 1929 Western Wall, Jerusalem keessatti hokkara uumameen Yihuudonni 133 fi Paalistiinonni 116 du’anii turan.

Biritishonni yeroo san: Yihudonni akka baay’innaan Awuuropaa irraa seenan, seenanis lafa bitachuu akka danda’an. Mana barnootaa, dhabbilee fayyaa fi sosochii diinagdee kan ummata kaan irraa addaa ta’e kan qophaa isaanii akka qabaatan. Caasaa mootummaa kan fakkaatu dalgaan akka tolfatan. Humna waraanas akka ijaaratan. Meeshaas hanga fedhan akka hidhatan—Yihuudota gargaaraa turan.

Also Read  Sagantaalee Ijoo Bokkuu Media

Biritishoonni: faallaa kanaan ammoo Paalistiinota cunqursaa, yoo morman hidhaa, hokkorri yoo ka’e ajjeesaa, qawwees hiikkachiisaa, lafa irraa buqqisaa, lafa san Yihuudonni bitanii akka irratti qubatan godhaa loogii (daba) Palistiinota irratti raawwataa turan.

Dhaabbileen Araboonni Paalistiin ijaaraa turaniifi ijaaramni isaan qabataa turan kan cunqursaa humna British dhaabuu danda’u hin turre.

Dabalataan, jibba-seemii Awuuropaafi Raashiyaa keessatti isaan irra gahaa ture dheessuun jidduu bara 1881 fi 1914 qofa keessatti Jiwiishonni (Yihuudonni) miliyoona lamaa ol ta’an (2,019,000) gara Ameerikaa baqatanii turan. Isan kun ammoo carra achi jiruun beekamtii gurguddaa gama aartiitiin, muuziqaatiin, fiilmiitiin, daldalaatiin, kalaqaan, industiriifi saayinsiitiin argataa turan. Siyaasa Ameerikaa keessattis hanga gorsitoota pirezedaantota Ameerikaa gahuu danda’anii turan. Iddoo dhiibbaa guddaa umuu danda’an akkasii irra gahuun isaanii ilaalaachafi imaammata alaa Ameerikaan dhimma Araboota Paalistiinii fi Yihuudota irratti hordoftu isaaniif kan loogu akka ta’u godhee jira. Kara kanaanis fayyadamuun Jiwishonni gargaarsaa guddaa kaayyoo biyya hundeessuu isanii milkessuuf argataa turan.


Yeroo Biritishoonni Paalistiin bulchaa turan san, bara 1933 Adolf Hitler mummee mootummaa (chancellor) biyya German ta’a.

Adolf Hitler nama Yahuudota akka malee jibbu ture. Jibba isaa kanas bifa ifa ta’een tarkaanfachiisa. Rakkoo German-iin mudataa tureef sababni jara jedha. Waraana Addunyaa Tokkoffaa irratti sababni German mooyamteef keessaa inni tokko Yihuudotuma as nu waliin jiraatantu nurratti shireeti jedha. Kufaatii diinagdee fi qaalayinsa hamaa waraanicha booda mudates jaratu harka keessaa qaba jedha.

Isaan German keessaa dhabama ta’an malee German jabaachuu fi deebitee ijaaramuun itti cima jedhee ifatti dubbata. Kanaanis lammilee heddu yaada isaa kana jalatti hiriirsisuu danda’a.

Adolf Hitler fi partiin isaa Naaziin German-ii akka sagantaa mootummatti qabachuun Awuroopaa Bahaa keessaa Yahuudota qulqulleessuf (balleessuuf) socho’an. Kabaja waggaa jahaffaa angoo qabatee irratti Adolf Hitler Yahuudota Awuroopaa keessaa balleessuun dirqama waan jedhu wahii ifatti bahee dubbate. Naaziin ilaalcha akkanaa tarkaanfachiisu kun bara 1939 Poland weeraruun Waraana Addunyaa Lammaffaa jalqaba.

Lola biyyoota ollaa isaanii wajjiin godhaa turaniifi akkasumas weerara Gamtaa Sooviyeet irraatti bara 1941 godhaniin lafti baldhaan Yahuudonni miiliyoona afur ta’an saboota biroo waliin keessa jiraatan isaan (Naazii) harkatti kufa (gala).

Naaziin Adoolf Hitler—jidduu bara 1941 fi bara 1945nii—boolla qochisiisaa rukuttaa rasaasaa jumlaan, waan akka koontenara sibilaa keessatti gaazii summa’oon ukkaamsanii ajjeesuun, hojii humnaa garmalee itti baay’isuun, beelaan adabuun, ‘torture’ godhuun, fannisuun, qorannoolee fayyaa lubbuu nama galaafatan irratti shaakaluun, yeroo cabbii imala dheeraa nyaataa fi dhugaatii malee akka deeman gochuun, wolitti qabee rashanuun—Naaziin German-ii—Yahuudota miiliyoona jahaa (miiliyoona 5.6 hanga 6.9 tilmaamaman) mucuq godhee fixe. Kun ammoo baay’inna Yahuudotaa yeroo san Awuroopaa keessa jiraataa turan keessaa lama-sadaffaa (2/3) kan ta’u jechuudha.

Duguuggaan sanyii fi dhumaatiin rifaasisaani Yihuudota Awuuropaa turan irratti Naazii Jarmaniin yeroo Waraana Addunyaa Lammafaa mudate kun “Holocaust” jedhamuun beekama. Wagga wagganis yaadatama.


Yeroon Naazii Jarmaan (Waarana Addunyaa Lammaffaa) Jiwiishotaaf yeroo hedduu ulfaataafi yeroo hamaa dhumaa ture.

Warri Naazii yeroo jalqabaa (waraana jalqabuu isaaniitin dura) akka sagantaatti kan qabatanii turan, Yihuudonni dhiibbaa isaan irra gahaa jiru arganii ofuma isaaniitii dheessanii haa baqataniif ture. Kan baqatan jiraanatis hedduun isaani naannoma jireenya isaaniitti itti fuufan. Ni baqanna yoma jedhanis, iddoon (biyyi) itti baqatanis waan salphaan argamu hin turre. Fakkeenyaaf, Muddee bara 1941 dooniin baqattoota Yihuudii 769 qabattee imalaa turte Turkiin seentee baqatuuf taanaan ni dhoowwamte, san booda biyya biras yaalte dhoowwamte, Inglizonnis akka isaan bira hin seenne dhoowwan. Booda irra doonattiin dhidhimtee lubbuun Yihuudota 769 sun darbe. Yeroo ulfaataa kanatti Jiwiishonni carraan qaban gara Paalistiinitti deebi’uu ykn dhumaatii itti dhufaa jiru dhandhamuu ture.

Also Read  Iraan Irraa Biyyoonni SunniI Maal Barachuu Qabu?, Kutaa 1ffaa

Isaanis sochii Zionism dura jalqabanii turan san cimsanii gara Paalistiin baqatuu itti fuufan. Yeroo British Paalistiin bulchaa turtetti jidduu bara 1917 fi 1947 (waggaa soddoma keessatti) Yihuudonni 400,000 (kuma dhibba afur ta’an) Raashiyaa fi Awuuroopaa irraa Paalistiinitti godaanuu danda’anii jiran. Kun ammoo baay’inni isaanii Paalistiinitti 1/3 (tokko-sadaffaa) ummata waliigalaa akka ta’u godhee jira.

        ****

Dhumaatii Holokaast (Holocaust) booda, ummanni addunyaa Yihuudotaaf haga tokko gara-nyaattoo muldhisuu eegale. Gara-nyaattoon kun ammoo akka kaayyoon isaanii kan Paalistiinitti deebi’anii biyya Israa’el jedhamtu ijaarachuuf qaban sun ija badaan hin-ilaallamne godheef. San irras taree, dhimmi isaanii dhimma mootummoota adda addaa mariisisu ta’e.

Yaa’ii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii (General Assembly of UN) Kan onkoloolessa bara 1947 godhameen dhimma Paalistiiniifi Israa’el ijoo dubbii ture. Yaa’icha irrattis murtiin darbe. Murtiin kunis Partition Resolution (UN Resolution 181) jedhama. Murtiin sun qoqqooddaan lafaa (Paalistiinii) jidduu Araboota Paalistiinii fi Yihuudota (Israa’eel) akka ta’u murtii dabarsa. Partition Resolution (murtiin qoqqoodaa lafaa) kun: lafa %54 ta’u Israa’eliif, %45 kan ta’u ammoo Paalistiiniif kan kennu yoo ta’u, Magaalaan Jerusalem waan hiikkoo amantaa guddaa qabduuf bulchiinsa Idla-adunyaa jalaatti akka Mootummoota Gamtoomaniin bultu kan jedhu ture.

Yeroo san (bara 1947) baay’inni ummata Paalistiinii %67 kan ta’u, lafti qabatanii jiran ammoo %93 kan ta’u waan tureef Araboonni Paalistiin murtee Mootummoota Gamtoomanii kana kan hin fudhanne ta’uu morman. Murteen kun gonkumaa haqa-qabeessaa miti jedhanii Paalistiinoonni mormii garagaraatiin muldhisan.

Murteen kun darbee ji’a torba booda, (Caamsaa 14, bara 1948) Ingilizonni lafa Paalistiin kan Otomaan booda waggaa soddomaaf bulchaa turan dhiisanii bahuuf akka qophii xumuran lallaban.

Galgaluma Caamsaa 14 san, haala qoqqoodiinsa Mootummoota Gamtoomanii saniin Israa’eloonni Mootummaa Israa’el (State of Israel) hundeeffachuu isaanii addunyaaf labsan. UN-nis beekamtii kennuufi ibse.

Labsiin Yihuudonni lafa %7 ta’u qofa qabatanii lafa UN jedhu %54 irratti biyya taane jedhan sun, ganamuma itti-aanu waraana baldhaa biyyoota Arabaa shan (Lebanon, Jordan, Syria, Iraaq fi Masrii) irraa isanaatti akka jalqabu godhe. Waraanni kun (Arab- Israel War of 1948 ykn First Arab Israel War) jedhamee beekkama.

Araboonni magaala guddoo Yihuudonni tolfatan Tel Aviv xiyyaraan haleeluun waraanicha jalqaban. Yihudonnis ofirraa lolan. Booda Ingilizonni ni baana jedhan deeggarsa Isra’eeliif gochuun Isra’elonni of-ittisuu irraa gara haleeluutti akka ce’an gargaaran. Waraana ji’a sagal fudhate booda Yihuudonni waraanicha mohachuun lafa dabalata kan UN murteesseef irra taranii Paalistiin qabatan. Lafa %7 qabatanii turan irraa %78 to’atanii waraanicha injifatan. Palistiinonni lafa san irra turan akkam ta’u? Yihuudonni tooftaa akkamiitiin mohota? San booda hoo maaltu mudata kan jedhu irratti kutaa itti-aanuun walitti haa deebinu moo haa nu gahu?

Qopheessan: Dr. Nuredin Luke

Comments

No comments yet. Why don’t you start the discussion?

Leave a Reply