Farda Maqaa hin qabne (Maalan Jiraa)

Farda Maqaa hin qabne (Maalan Jiraa)

Maalan Jiraa (Haacaaluu Hundeessaa)
Farda Maqaa hin qabne (A Horse with No Name)


Yoon sirba kana dhagahu, sirba Ameerkaatti bara 1973 sirbamen kan “A Horse With No Name” jedhun yaadadha. Keessattuummoo Maalan Jiraan jecha qoola dubbii (Metaphorical expression) tiin Haacaaluun Farda Siidaa Kafanii, Siidaa Dabaleen Sooree, jedhunan walitti fidee ergaa cimaa qaba.

Fardi Siidaa Kafanii kun maali?

Artistiin tokko saba sirbuufiif sana dursee deemuu qaba, jechoonni inni itti fayyadamu kan abbumti fe’e haasa’uu ta’uu hin qabu. Walaloofi jechamoonni namoonni Aartii keessa jiran kan filataman ta’uu qaba. Yoo kun hin taane Aartiin keenya hin guddatu, akka mataa Armaa gad-deemaa bula. Afaan sunis hin guddatu. Aartistiin tokkos kanaan warra kaan irraa adda baha.

Haacaaluunis kanaarraa ka’eetu, waan hardhaarraa ilaale, waan boruummoo raage, waan raage sanammoo ni sirbe. Wellisaas haa jennuu Aartistiin uumee yookaan qalaqa mataa isaaniin hojjatan baay’een kan hardhaarra dhaabbatanii kan boruu raagu.

Fakkeenyaaf Tsaggaayee Daandanaa waggaa 11 dura Booleef Garjiinis kanuma keenya jedhee sirbe. Waggaa 11 duras hardhas Finfinneen kanuma keenya. Garuu Sayyoo waan raage qaba.
Haacaaluunis Maalan Jiraa keessatti dubatti deebi’ee seenaa, hardhaarraa taa’ee immoo rakkoo Oromoon itti jiruf jiraatu, kan borummoo raagee waan Oromootti deemu sirbe.

Kanaaf Maalaan Jiraan jaalatame. Sirba kana Website irraatti waggaa tokko dura namni Miliyeenni sadii ol akka daawwate argeen ture; amma garuu hin beeku.


Farda Siidaa Kafanii(A Horse with No Name)

Fardi Siidaa Kafanii, Fardi Bakar Waaree, Fardi Hasanuu Wadaayiifi kanneen biroo Oromoo biratti Fardeen seenaa guddaa qabaniidha. Goonni gaafa booji’amu,dursa meeshaa inni ittin gootummaa isaa muldhisetu irraa fudhatama.
Dabalee irraa Fardasaatu fudhatame, Hasanuu Wadaay garuu gaafa booji’amuusaa beeku durseetu Eeboofi Gaachana(Waantaa) isaa awwaalee, Farda isaammoo ajjeesee dhumarratti ofis ajjeese. Oromoon goota akkasii faa’aa qaba.

Fardi Hasanuu Wadaay Kuraaraan akkasiin du’e, garuu hardha Siidaa hin qabu. Oromoon Kuraaraaf Siidaa dhaabuu dadhabus ni sirbeef.
Ya Sukaattalii obbii
Ya Kuraaraa Leemmanii
Nama jaalatee dhabee
Kan gumaata geessanii, Jedhaniitu Farda Hasanuu Wadaay Kuraaraaf sirbani.

Fardi Siidaa Dabalee har’a Hacaaluun ittiin sirbe immoo ni booji’ame, garuu hardha Siidaa qaba. Siidaa sobaa. Sidaan hardha Finfinnee Biribbisaa Gooroo dhaabbatee, yoo ilaalluu ijji keenyaa dhiigaa uffaatee garaan keenya gubatu, yaadannoo isaati. Siidaa Minilkiif dhaabbate kanarraa osoo isa cabsaanii Farda sana qofaa achi kaa’anii silaa akkam bareeda ture.


Farda Siidaa kafanii
Siidaa Dabaleen Sooree
Erga nu daangessaanii
Barri turee bubbulee


Oromoon Fardaa Sangaan isaa gaafa du’e baasee Joobira ykn Rummichaaf hin kennu, Kafanee Awwaala akka namaatti. Cabsuma walaloo kana keessatti bo’oo walaloo erga nu daangeessanii barri turee bubbule jedhutu jira.

Diiganii gaara sanaa
Gaara diigamuu hin mallee
Nu baasan addaan baanee
Nut addaan bahuu hin mallee

Dhugaadha erga nu daangessanii barri turee bubbuleera. Bara 2004tti yoo nuuf gaara Daalatti Gullalleen irraatti sirna Gadaa isaa deemsifataa ture, Lafa Ibsaan Booqaa Birraa itti gubaamaa ture Mijjiirii Gullallee hardha Araadaa Giyoorgis jedhaanii Siidaa irra dhaaban irraa addaan nu qoodanii daangaa nutti godhani.
Oromoon gaafa sanarraa ka’eetu Lafa Oromoo OPDOtti amanuu dhiise.
Walaloon inni biraa dubbii qoolaa qabu tokkommoo Qotiyyoo Abbaan didaa isa jedhudha.
Qotiyyoo Abbaan didaa
Yaa didaa Harqoota keessaa
Qorra baraan dadhabee
Mormakee jalattaan dheessaa

Oromoon gaafa Mammaaku ‘Jabaa “Giddii” Jaalatu’ jedha. Jabaa hidhaniitu mana hidhaa keessattis isa sodaatu. Dallaa mukaafi namaatiin isa eegu. Ajjeesanituu maqaa isaaniitiin nu ajjeesu jedhanii irriba malee bulu.

Didaan yoomuu didadaadha. Mee korma Loonii ilaalaa, Harqoota keessattis huma dida. Garanaa garasiin mormi isaa Loloosoon marfamus didee ciisa. Kanaaf gaafa dubbiin dhufte didaa jalatti dheessuu, itti dheessaanii dhaabbatanii hin rukuchiisani irra dhaqanii rukutamu malee. Kanaafi kan Haacaaluun qorra baraan dadhabee morma kee jalattin dheessa jedheefi.

Qorri baraa maali, roorroodhaa? Mormama kee jalattan dheessanoo maali? Irree dhiiraatii laata?
Sululta Loon hin tiksuu
Darabatti galcheeraa
Yooman dhufee si argaa
An sirraa fagoon jiraa


Qotee qotee namchi
Sanyii darbatee
Rafeen bulu namni
Waan hormaa abdatee


Gullalleen kan Tufaa-Laal Galootoo
Gaara Abbichuu turii-Laal Galootoo
Galan Finfinnee maarsee-Laal Galootoo
Silakka jaalalaa-Laal Galootoo


Soorettii haadha sooree
Hirbaanni irrabuusa qabaa
Seeqanii sesseeqanii
Kan gargar nu baase jaraa


Walaloon biraa ergaa guddaa qabdu kan tokkummaa Oromoo keessatti Itichituu cabsaa sirba kanaati.
Waddeessi ciraa gubee
Amborraan calaqqisee
Narraa fagaatte jedhee
Si yaaduun kiyya Yoom hafee…

Narraa fagaatte jedhee siyaaduun kiyya yoom hafe. Eenyutu osoo yaannuu nurraa fagaate. Oromoon hunduu ni beeka Abbaan yaadamu sun garuu beekaa laata? Ani hin beeku. Hiikaan sirba kanaa inni biraa Finfinneen Oromoo baay’ee irraa fagaattus ishee yaaduun isaanii yoom hafeedha. Gaafa Finfinneen tuqamu Booranni tuqame, Beegirraan dubbiin dhalate, Cinaaksan immoo mataatu dhukkube. Kanaaf Finfinneen keenya jedhee morme, lafa isaatiif namni kumaatamni dhume. Tokkummaan Oromoos ni muldhate.


Cuwaa cufaa jettii
Simbirroon halkanii
Nama garaan dhaane
Dirmammuun arganii


Walaloon biraa kan sirbaafi mammaaksa Aadaa ta’ee Oromoo bira jiru kan nama garaan dhaane dirmammuu hin arganii jedhu kana. Namni Ani Oromoodha jedhu yoo Oromoo dhaanu dirmammuun Oromoo itti muldhachuu dhabuudha.
Garaan keenya waan fedhe nu godha, Onnee keenya reebeetu keessa keenya guba.

Maalan jiraa sirba yoomiyyuu irraa hin darbine. Long life for Hachalu Hundessa!

Haacaaluun hardha maalitti jira, maaltummoo harka jira?

Copha Sammuurraa!
Margaa Angaasuu Amanaa
Of-beekuun injifannoo injifannoo caaluudha!
Wednesday, September, 06, 2017

Comments

No comments yet. Why don’t you start the discussion?

Leave a Reply