
Asoosama Gabaabaa, “Dungoo Halkan Sanaa”
Uumaan-uumamni- namni- qaamni ofii- humni ofii-miirri ofii….kun cufti si qora. Kun cufti farda jireenyaa ati gulufsiistu irraa si kuffisuuf si darbata. Jireenyi farda guulaa mitii?.Yoo itti baatu si fuudhee fiigee, ofii kaatee si sirbisiisee, kan fagoo hin geenyeef qaama sihurgufee, lubbuu si fuudhee dafqa sirra roobsee, yoo itti beekteef kolfa qasaasee, itti wallaallaan si imimmaansisee, utuu jira jettee itti rarraatuu, utuu ati hin see’iin biyyoon simaka.
“Osoo amma isheen…,” jedhe, fedhiin isaa inni du’ee hindu’iin. “ Ihii! Osoo isheen maal taatee…?. Majan!… Kakuu!… dhukkuba arraba ibiddaa!. Isa fooniifi dhiiga harraabu!” sammuu isaa isa waardiyaa dhaabachuuf kakatetu morme. “Silaa isheen woo mucaa daa’ima. Utuu dhalchitee iyyuu geessista. Azalaa qormaataaf guddataa jirtu…” Cufaa bantee, yaada isaa gidduutti kuttee, mucayyoon. “Qofaa kee si dhiiseen ture mitii? jette, sagalee qalloo miyooftuu sanaan. Waan dubbatu dhabe.
Ol ilaallaan ijaawwan bakkalcha sana irratti ibsiteetti. Mucayyoo xiqqoon. Sagaleen isaa osoo hoollatuu “Lakki…hin turre” jedhe. Barcuma dhiistee sireerra teesse. Dugdi isaa lamatti tamsa’e.
“Irbaata nyaatte?” jette.
“I…hii? Lakki hin yaanne.”
“As nyaanni mishaan hin jiru. Hoteela ollaa tanaan sii fida” jette. Qarshii itti kennuu abbalee, “ Ati as keessaa hojjettuudha moo mucaa warra manaati?” jedhe.
“Lamaan iyyuu miti”
“Ihii?”
“Ofii kee beeki” jette,
“Attamittan beekuu dandaya?” jedhe.
“Kana, kana, kana, ilaalii bari” jettee qaama ishee, haxaroo maddii isheefi rifeensa ishee qubaan agarsiifte.
“Ammas naaf hingalle” jedhe.
Takkaa kolfite.
“Durba Arsii hin beektuu?” jette.
“Ati woo mucaa xiqqoodha maal hojjechuu as dhufteree?”
“Maal siif godha? Inni gatii hinqabu. Maallaqa kenni osoo irbaanni hindhumiin, deemeen sii fida.” Diduu hindandeenye. Yaadni isaa garuu daran waliin dhahame. Waa’ee ofii ishee-waa’ee ofii isaa waa’ee ofii isheefi waa’ee ofii isaa yaada. Marti isaa akka foo’aa sartii walxaxe. Erga kakateefi jireenya isaa kakuun duraa wal bira qabee madaale.
Kakuu saniin booda shororkaa malee akka gammachuun onnee isaatti hingoriin nibeeka. Yoo kakachuun isaa madda gammachuu hinta’uufii ta’e maaliif kakuu gaddaatti akka seenetu hibboo itti taha. Maaliif waadaa onnee hinsooranne seenuu!. Kalaankala lama qofaa qofaatti qabdee dhufte –mucayyoon. “Nyaata ani qopheesse illee ta’uu baatu nyaata ani siif fide tanatti akka gammaddu nan abdadha” jette, xarapheessaarra kaayaa.
Haasaan afaan isheetii bahu kan umrii isheerraa eegamu miti. Garaa isaatti “Raajiidha” jedhee quqummaadee callise.
“Osoo hindhamdhamatiin hindubbadhu jetteetii?”
“Lakki isaaf utuu hintaanee…”
“Isaaf tahes arguuf hedda.” Harka dhiqachiiftee dhiheessiteef. “Atis koottu kaa?”.
“Lakki ani illee hinyaadhu” jette.
“Ihii! Maaliif?”
“Ani nyaadheera. Quufeen jira” jette.
Ofii ishee hinyaattu taanaan buddeena lama fiduun ishee isa dinqe.
“Kana hunda qofaa koo maalan godharee?” jedhe. “Tokko ayyaa tiyyaaf geessuu?” jette.
“Eessa jirti… jiru” waan jedhutu harkaa bade. “Kutaa hirribaa tana irraa sadaffaa keessa ciistee jirti.”
“Nidhukkuba moo?”.
“Miti.”
“Maaliree?”
“Homaa.”
“Tole-geessiif” jedhee callise.
“Dhufe” jettee buddeena tokko fuutee baate.
Waan marti keessummaa itti tahe-barsiisaa Boonsaatti. Irbaata dhihaateefii, dafee dafee nyaatee kahe. Mana bunaa seenee waa dhugu barbaadee saniin booda, waan itti aanee dhufu tilmaamuu hindadhabne. Kakuu sana otoo beekuu dagachuu fedhe. Jarreen sooma itti tumanis baadiyyaatti hafan. Namni isa argu hinjiru. Tarii yoo Waaqqayyo!… itti fufee yaaduu hin barbaadne. Waa’ee mucayyoo sanii garuu homti taha jedhee hinshakkine. Isaa harka isaa dhiqatee cufaa banuuf harkisuufi mucayyoo banuuf dhiibu tokko tahe. Inni keessatti deebi’e. Isheen ol seente.
“Nyaatte?” jettee fuula ifaa saniin ija isaa keessa ol ilaalte.
“Ehee, nyaadheera.”
“Rabbi siif haa laatu, osoo ati hindhufne tahee ayyaan tiyya agabuu bulti” jette.
“Maaliif?”
“Isa dhiisi. Amma eessa dhaquuf kaate?” waan jedhutu itti bitaacha’e.
“Mana bunaa dhaquuf.”
“Maaloo hindhugiin-nama dhugu hinjaaladhu” jette-mucayyoon xiqqoon sun.
Nina’e. Jaalala isa kam akka isheen odeessitu isaaf hingalle. Harka isheetiin harka isaa tuqxee jennaan dafee irraa deebi’ee siree irra gadi taahe. Bakka dhaabattutti haftee ija isaa keessa ilaaltee kolfite. Kolfa naasisaa- sodaachisaa san. “Joonjee, durba baadiyyaan sitti fakkaadhe miti?” jette.
“Akkam?”
“Huccuu kiyya. Fuula kiyya. Rifeensa kiyya tana ogguu ilaaltu. Aadaadha bar. Achitti nibareeda.” Dhiiftee isa cinaa siree irra teesse.
“I…Eehee.”
Hafuurri isaa dhaqee deebi’uu dadhabe- barsiisaa Boonsaan.
“Maal ree?”
“Maal.”
“Maalin sitti fakkaadha?”
“Maal… maal jedhuree?… mucayyoo xinnoo haasaan ishee miyaa’u.”
“Bareedduu maaf naan hinjenne?” jette.
“Gaafa guddattee geessee jedhamta kaa?”
“Isa dhiisi. haayaa, amma nan deema” jettee kaate.
Dhugaadha hinseene. Sodaatee ture. Dafee harka isaa itti hiixate.
“Nagaan buli” jettee, harka fuute.
“Atis nagaan buli.”
Yeroo isheen baatu balbala cufee deebi’ee siree isaa keessa seene, qormaata irraa furamuu isaaf boqonnaatu itti dhagahame. Silaas ofii sodaatee of jeeqe malee umriin mucayyoo kanaa waan shakkisiisu miti. Icciitiin ishee duubaa garuu, hibboodha.
Maddi: Afaan Oromoo Kutaa 12ffaa, Kitaaba Barataa




