
ISRAA’EL: TA DURII FI TA AMMAA
(Kutaa 2ffaa)
Kutaa jalqabaa keessatti: Ibraahim (Abraham) Magaalaa Ur (Mesopotamia) irraa ka’ee gara dachii saboonni Kana’aan jiraatan deemuu isaa, achittis ilman lama Ismaa’eel fi Yisaaq jedhaman uumachuu isaa, Ismaa’el irraa sanyiin Arabaa cinaan tokko kan walhoran ta’uu isaa, akkasumas Yaaqob (ilmi Yisaaq) ijoollee 12 uumatee, obboleewwan kudha lamman san irraa ammoo sabootni Israa’el kudha lamman kan dhufan ta’uu isaa,
Obboleewwan kudha lamman keessaa Yuusuuf (Yooseef) Masriitti angoo qabatee, booda maatiin Yaaqob— obboleewwan kudha tokkon hafan suniifi ilmaan ilmaan isaanii—walumaa galatti namota 70-75 ta’anii Masriin (Gibxiin) Yuusuuf biratti akka galan.
Achittis jaarraa lamaa oliif nagahaan jiraatanii, booda mootileen (fara’oonni) masrii baay’aachuu isaanii fi haala isaanii jibban akka isaan cunqursaa turan. Cunqursaa san jalaas karaa Muusee fi Aarooniin (Nabi Muusaafi Haaruuniin) Masriin dhiisanii akka bahan. Masrii bahanii erga Muusaa fi Haaruun Gammoojji Siinaatti boqatan booda Iyyaasuu ilmi Nawwee (Yushua Ibn Nuun— Joshua) Israa’eloota hogganee waraanaan saboota dachii Kana’aan irra turan buqqisee saboota kudha lamman Israa’el saniif lafa san akka adda qoqqoodeef. Erga Iyyasuun du’e booda ammoo jaarraa lamaa oliif karaa abbootii murtii (firdiitiin)—judges— kudha shan ta’an kan walduraa duubaan dhufaniin bulaa akka turan.
Isaan booda ammo Mootii Daawiti (Nabi Daawud) saboota kudha lamman Israa’el san tokkoomsee Jerusalemi saba Kana’aan kan Jebusayiti jedhamuu irraa weeraraan akkan dhunfaate, Mootummaa isaas akka ijaarate. Booda irraattis waraanaan lafa mootummaa isaa laga Eupharatis Iraaq jiru irraa hanga Gammoojii Siinaa Gibxi jirutti akka baldhifate. Isatti aansee ammoo ilmi isaa Nabi Suleeymaan (Mootii Salamoon) angoo fudhatee Mana Sagadaa (First Temple) ijaaruu isaa. Ilmi Suleeeyman kan Rehoboom jedhamu abbatti aanee angoo qabatee gibira baay’isuu isaatiin saboonni Israa’el 10 akka fincilanii addatti mootummaa ofii ijaaratan. Isaan lamaan hafan qofa Rehoboom hogganaa akka ture.
Saboonni 10 sun jaarraa lamaaf erga ofdanda’anii mootummaa ofiitiin jiraataa turan booda Impaayerri Aseeriyaa dhaloota kiristoos dura bara 722 akka isaan bittinneesee addunyaa irra isaan facaasee. Erga faca’an booda ammoo saboota addunyaa irra jiran kan birootiin walitti makamanii akka eenyummaniifi eenyu ta’uun isaanii bade.
Gosoonni lamaan hafan sun ammoo Yihuudii (Jews) akka jedhaman, isaaniis erga saboonni kurnan sun badanii waggaa 136 booda mootii Babyloon kan Nabukadanatsur jedhamuun akka weeraramanii boojun fudhataman. Boojuun fudhatamanii waggaa shantama booda, mootiin Pershiyaa (Iraan) Qiiroos Guddicha (Cyrus the Great) jedhamu Baabiloon weeraree qabachuu isaatiin, Yihuudonni Baabilooni akka gara Jerusalem deebi’an labsiidhaan eeyyamuufii isaa.
Impaayerri Pershiiyaas dhalachu Kiristoos dura bara 332 akka Alexander the Great (Iskindir Guddichaan) weeraramee, Alxendar itti aanee biyya Yihudii (Jerusalem) qabate. Isa booda jiddu irratti jaarraa tokkoof Yihuudonni ofbulchuu danda’anis, booda dhaaloota kiristoos dura bara 63 Warri Impaayera Roomaa dhufee akka Judea (Biyya Yihuuda) to’ate. Yeroo Impaayerri Roomaa bulchaa ture sanitti Kiristoos (Nabi Isaan) Biyya Yihuudaa ganda Beteleem jedhamtutti akka dhalate.
Inni dhalatee woggaa 66 fi waggaa 135 booda Yihuudonni akka warra Roomaa isaan bulchaa ture irratti fincilanii fi warri Roomaa ammoo, isaan keessaa kan fixan fixanii, kan barbadaayu barbadeessanii, lammata akka Yihuudonni naannoo Jerusaleem akka hin geenne qoqqobii akka irratti godhan. Lafa sanis maqaa Syria Palestina jedhuun maqaa warraa Mootii Daawit (Nabi Dawud) dura naannoo san turan Filistin (Filisxem) jedhu irraa ka’anii akka moggaasan, Jerusalem ammoo maqaa Aelia Capitolina jedhu akka baasaniif. Maatii muraasa yoo ta’een ala Yihuudonni (jechuun gosoonni ykn saboonni Israa’el lamaan hafan) sunis akka gara Afrikaa Kaabaa, Baha-Jiddugaleessaa fi Awuurapatti akka baqatan kutaa jalqabaa keessatti ilaallee ture.
Amma kutaa lammaffaa itti fuufna: Roomanonni Yihuudotni Jerusalem akka hinseenne dhorkanii, mana sagadaa yeroo lammaffaaf ijaaramee ture (Second Temple) gubanii, ofii isaaniitii kophaa bulchaa turan. Warri Impaayera Roomaa kun waaqota heddutti amanu (polytheist) turan. Amantii Kiristaanas kan Yihuudis hin fudhatan qofa otoo hintaane ni jibbu ture. Booda mootiilee isaanii keessaa kan Konistantine (Constantine) jedhamu naannoo bara 312tti amantii Kiristaanaa fudhata. Isa hordofee amantiin Kiristaanaa Impaayera Roomaa keessatti babaldhaataa deema.
Konistaantiin kun mootii magaalaa maqaa isaatiin moggaate konistantinople (ykn Istambulii Turkiye ammaa) ijaareedha. Guyyaa dhaloota kiristoosis qoratee akka ayyaanni Guyyaa Dhalootaa Kirstos (Gannaa— Qilleen — Christmass) kabajamu nama yeroo jalqaaf godheedha. Isa dura ayyaannii Gannaa (Qillee) hin kabajamu ture. Isatu jalqabsiise.
Mootii Impaayera Roomaa kan ture Theodosius kan jedhamu kan Konistaantiin booda dhufu lafa baldhaa Impaayerri Rooma qabu kana bara 395 ijoollee isaa lamaanii—akka bulchaaniif—qooda. Impaayerri Roomaas iddoo lamatti hirama: Impaayera Roomaa Bahaa (Eastern Roman Empire) fi Impaayeera Roomaa Lixaa (Western Roman Empire) ta’a. Impaayerri Roomaa Bahaa ammoo maqaa Beeyzantayin (Byzantine Empire) jedhamuun waamama. Jerusaleem faati Impaayera Beeyzantaani jalatti hafu jechuu. Warri Beeyzantiin impaayera isaanii—kan Awuroopa cinaa tokko dabalatu keessatti—amantaan Kiristaanaa akka babaldhatu shoora guddaa taphatanii jiru. Beezantiinonnis Yihuudonni akka gara Jerusaleem hin deebine dhoorkaa turan. Hanga muslimonni lolanii Jerusalem qabatanitti—Jaarraa arfaffaa, shanaffaa fi jahaffaa kan Jerusalem (Paalastaayin)—bulchaa ture warruma Impaayera Beeyzantiin kana ture.
***
Nabi Mohammed (SAW) naannoo bara 570 magaalaa Makkatti dhalatan. Umrii waggaa 40 yoo ta’an (610) irratti Maleeykaan Jibril ergamaa rabbii ta’uu isaanii itti himee barnoota amantaa kennaaf. Waggaa sadi booda bara 613 irraa kaasee ifatti amanta Islaamaatti ummata waamaa turan. Gosa keessaa dhalatan Araboota Qureeyish irraa mormiin isaan mudatu cimaa dhufnaan bara 622 gara magaalaa Yesrib (booda irra Madinaa jedhamtee) imalan. Madinatti hordoftoota heddu erga horatan booda Araboota Qureeyshii kan isaan mormaa turan wajji woraana Badr (624tti), Uhud (625tti), baruma san warana Hamra al-Assad, godhanii booda irra bara 629 magaalaa Makkatti musliimota waliin nagaan (waraana malee) deebi’an. Yeroo kanatti amantaan Islaamaa biyya amma Saudi Arabiyaa jedhamtee beekamtu keessatti babaldhataa ture. Makkatti deebi’anii waggaa sadi booda bara 632 Nabi Mohammed (SAW) hajjiin bara sana godhan kan dhumaa ta’uu isaa bifa beeksisuun ergaawwan amantaa Islaamaa dabarsan. Hajjii dhumaa kana booda xiqqoo turanii gara fuula Rabbii deeman.
Isaan booda Abu Bakr bara 632 hanga 634 waggoota lamaaf kaalifaa (hogganaa) muslimoota ta’a. Erga Abu Bakr boqatee booda Umar Ibn al-Khaxab bara 634 kaalifaa (hogganaa) muslimotaa ta’uun itti fuufa. Umar Ibn Al Khaxab bara kaalifaa (hogganaa) muslimotaa ture san amantaan Islaamaa Gammoojii Arabiyaa irra taree akka ummataafi lafa baldhaa qabatu hoggansa cimaa kennaa ture.
Bara 634 irraa hanga bara 638 (yeroo Umar Kaalifaa ture san) waraanni guddaan Impaayera Beeyzantiinii fi Impaayera Islamaa baldhaataa jiru jiddutti godhama. Waraanni muslimotaa kan Abu Ubayida Ibni Al-Jarraan hogganamu waan moyateef Impaayeerri Beezantaayin kan waggaa 300 oliif Paalastayiin (Jerusalem) bulchaa ture irraa ari’ama. Jerusaleemis to’annaa Impaayera Islaamaa jalatti galti.
Jerusalem erga Muslimotaan qabamte booda manneen amantaa kiristaanaa Impaayerri Beeyzatiin ijaarsisee tures akkuma jiranitti akka itti fuufan, Yihudonni muraasni naannoo Jerusaalemitti otoo hin baqatin hafanii turan kan akka Jerusalem hin seenne warra Roomaatiin dhorkamanii turanis akka fedha isaanitti akka seenanii jiraatan, fi mirgi amantaa isaanii hordufuus kabajameefii ture. Barri kaalifaa Umar fi kaalifoota isaan booda dhufanii lafa (biyya) baldhaa qabatanii turan sun yeroo Jiwiishotaf (Yihuudotaaf) mirgi isaanii eeggamee, aadaanii fi amantaan isaanii kabajameefi gabira isaan irraa eeggamu kaffalaa nagahaan jiraataa turaniidha. Erga faffaca’anii booda yeroon kaalifootaa sun, Yihuudotaaf yeroo garii dhumaa (ykn akka Golden time)tti ilaallama.
Nabi Mohammed (SAW) booda Kaalifoonni arfan jiran (Abu Bakr al Siddiqi, Umar Ibna al Khaxab, Osman ibn Affaan, Ali ibn Ab Talib) maqaa Kulafa’u Raashiduun jedhuun [kan hikkaa hoggantoota (itti-aantota) sirrii jedhuu qabun] kan waamaman yoo ta’u, bara isaanii amantaan Islamaa naannoo Gammoojji Arabia irraa ka’ee lafa baldhaa hanga Kaaba Afrikaa (Liibiyaa) gahuu yeroo itti qabateedha. Kallattii biraatiin ammoo impaayeroota gurguddoo yeroo san turan lamaan: Impaayera Beeyzantiinii kan lafa yeroo ammaa Turkiye, Lebanon, Paalistiin jedhaman dabalatu fi Impayera Sassinid warra Peershiya (Iraan) kan lafa yeroo ammaa kana maqaa Iraaq, Iraan, Paakistaan, Afghanistaan fi Sooriya jedhaman dabalatu injifachuun lafa baldhaa to’atanii amantaa Islamaa ummata lafa baldhaa kana irra jiraataa turetti babaldhisanii jiru.
Waraana Muslimoota kan kaalifoota kanaan hogganamaniinii fi Impaayera Saassinid (warra pershiyaa) wajji godhameen musliimonni guututti waan injifataniif Impayeerri Saassinid (Sassanian Pershian Empire) diiggamee naannoowwan Impaayera san jala turan keessatti amantaan Islaamaa babaldhate.
Waraana Impaayera Beeyzantiin wajji godhaniin muslimonni injifachuun cinaa Turkii (yeroo san Anatoliya jedhamtu) fi naannoo Libaanos (Lebanon), lafa amma Paalistiinii (fi Israa’eeli) jedhamu kana dhuunfatanii turan.
Injifannoo waraanaa Impaayera lamaan kana irratti goonfataniin, Impaayera Islamaa baldhaa ta’e kan Iraanii ka’ee Kaaba Afrikaa (Liibiyaatti) dhaabbatu ijaaran.
Impaayerri Beeyzantiin haa injifatamu malee guututti waan hinbadneef (ykn hin diiggamneef cinaan lafa amma Turkiye jedhamu (Anatoliyaa), Cyprus, Girikii fi cinaan Xaaliyan, akkasumas magaalaan guddoon impayerichaa (Constantinople ykn Istanbuliin ammaa) harkuma warra Beeyzantinitti hafan. Taateewwan seenaa kun bara 632—661 yeroo Kulafa’u Raashiduun (hoggantoota sirrii arfan) sun walitti aansanii bulchaan kan ta’aniidha.
Kaalifoota arfanitti aanee, bara 661tti Mu’awiyaan Umayyad Dynasty hundeessuun teessoo Kaliifaa Muslimaa magaalaa Madiinaa irraa gara magaalaa Damaasqoo Sooriyaatti jijjiruun waggoota 89 liif hanga bara 750 angoo abbaa gara ilmaatti darbuun lafa Kaalifoonni afran babaldhisan irra taree hanga qaccee Kaaba Afrikaa (Morocco) fi akkasumas Moorokoo gama ce’ee cinaa biyya Ispeenii (yeroo san Andulasia jedhamu) hanga ga’utti Impaayera Islamaa baldhisanii bulchaa ture. Warri Umayyad Jerusalemitti kan Masjiida Al-Aqsa bifa amma jiruun ijaaraniidha.
Ummayyad Dynasty (Umayyootatti) aanee kan angoo fudhate Abbasid Dynasty (Abbasota, kan sanyii abbeeraa Nabi Mohammed (SAW), Abbas ibn Abd al-Muttalib, irra dhufne jedhan) yoo ta’u isaanis bara 750tti warra Umayyad kuffisuun magaalaa haarawa Baghdad jedhamtu ijaaruun waggoota 500 oliif hanga bara 1258 bulchaa turan. Seenaan bara Abbasid ture bay’ee baldhaadha.
Teessoon Impaayera Islamaa bara Ummayyad Dynasty magaalaa Madinaa irraa gara Damasqoo Soriyatti, achi booda ammoo bara Abbasiid Damasqoo irraa gara magaalaa haarawa Baghdad jedhamtu (tan amma magaalaa guddoo Iraaq taatetti) jijjiirame.
Bara Abbasid san Baghdad magaalaa yeroo san jiran keessaa dorgomaa hin qabdu ture. Muslimonni yeroo Abbasiid turan beekumsa amantaatiin dabalata, beekumsii fi saayinsiin fayyaa, filosofii, astronomii, aartii, herreegni fi kkf akka dagaagan waan heddu godhan. Kitaabota afaan garagaratiin barraayan afaan Arabiitti hiikunii fi qorannoolee saayinsii adda addaa gochuudhaan, bu’aawwan argaman galmessuu fi barreessuun, laayibrariin (manni kitaabaa) guddaan addunyaa ‘Beytal Hikma’ jedhamu achi Baghdad keessatti akka ijaaramu godhan.
Abbasid keessattu yeroo Harun Al- Rashidun (786–809) kaalifaa ture san aartii fi saayinsiin, diinagdee fi misoomni haalaan dagaagee ture. Fakkeenyaaf barnoota heerreega irratti kan barataa turre Algebra, Algorithm, fi laakkofsi yeroo ammaa itti fayyadamnu (Arabic Numerals 1,2,3..jedhu) kunniin beekumsa beektonni muslimaa yeroo san turan (Muhammed Ibn Musa al- Khwarizmi faati) addunyaaf gumaachaniidha. Algorithm kan jedhu maqaa isaa Al-Khwarizim jedhamu irraa kan fudhatame yoo ta’u Algebran ammoo maqaa kitaaba inni barreesse Al-Jabr ka jedhu irraa fudhatame. Kana fakkeenyaaf kaafne malee qaroomni Islamaa yeroo san ture saayinsii fi teeknolojii yeroo ammaatiif bu’uura kaa’eera. Yeroon Abbasid sun ‘Islamic Golden Age’ jedhamee yaadatama. Booda bara 1258 warri Mongol (Genghis Khan) dhufee Qarooma Abaasid balleessa.
Yeroo Mootummaan Abbasid lafa baldhaa Iraanii ka’ee Kaaba Afrikaa Morokoo gahu bulchaa turan san, isaan bulchuu jalqabanii (waggaa dhibba tokko booda) mootummonni xixiqqoonii fi balbaldhoo ta’anis lafuma baldhaa isaan bulchan keessatti iddoo fi yeroo garagaraatti ka’anii turan. Buyid, Seljuk, Khwarezmia, Fatimid, Ayubbid, Mamluk, Safanid, Safavid kan jedhaman fa’atu lafa baldhaa Abasidoonni bulchaa turan keessaa iddo garagaratti ka’anii turan.
Jerusalemii fi biyyi naannoo sanii erga bara Kaalifaa Umar qabamanii kaasee hanga Waraana Addunyaa Tokkoffaa (bara 1917) waggaa kuma tokkoif dhibba sadihiif harkuma Mootummoota Islaamaa garagaraa turan. Garuu jidduu irratti, kiristaanonni Awuuropaa (Crusaders) Jerusalem harka muslimotaatti kuftee hafuu hinqabdu jedhanii bara 1096 irraa waggaa sadihiif lolanii moyachuun bara 1099 irraa hanga bara 1187 waggaa 89-f Jerusalem Mootummoota Islamaa jalaa baasanii to’achuun bulchaa turan. Yeroo waraana muslimotaa fi krusedarootaa (crusaders) kana Yihuudonni cinaa Muslimotaa goranii Krusedaroota waraanaa turan. Kruseedaroonnis mana sagadaa Yihuudotaa barbadeessaa turan.
Bara 1187 san Salah ad-din Yusuf ibn Ayyub (Saladiin) kan naannoo Masriifi Sooriyaa bulchaa ture, Jerusalemiin Masjiidin Al-Aqsaa keessatti argamu akkamitti warra hinamanne harkatti kuftee hafti jedhee waraana itti banee waraanicha moyatee bulchiinsa ofii jalatti deebisuu danda’e. Saaladdiin Yihudonni yeroo kruseedar san baqataniifi qabeenyi isaanii irraa fudhatamee ture Jerusalemitti akka deebi’aniifi qabeenyi isaanis akka deebi’uuf godhee ture. Saaladdiin booda mootummootuma amanta Islaamaa hordofaniin buluu itti fuufte. Bara 1517 irraa kaasee waggoota dhibba afuriif hanga xumura Waraana Addunyaa Tokkoffaa bara 1917 Jerusalem (fi Naannoon Palasataayin) warra Ottomaan Turkii (Osmaaniyaa) jalatti bulaa ture.
Yeroo Paalastiin to’annoo mootummoota Islaamaa asii olitti eeraman jala turte san Yihuudonni baay’ee hagoo (maatii muraasa qofa ta’antu) Jerusalem jiraataa kan ture yoo ta’u, Yihuudonni hedduun yeroo san addunyaa irra faffaca’anii jiraataa turan. Warri addunyaa irra faffaca’anii jiraatan—keessattuu isaan Awuroopaa keessa jiraataa turan—jaarraa hedduuf dhiibbaa, tuffatama, jibbaafi miidhaan garagaaraa (Anti-semitism) isaan irra gahaa ture. Awuropaanonni yoo halli badaan isaan mudate Yihuudota qeequ. Carraa badaan yoo isaan mudate Yihuudotatu nutti fide jedhaanii quba isaanitti akeeku. Weerarri dhukkubaallee yoo isan mudate akka waan worri Yihuudii kun itti fideetti isaan adabu ture.
Miidhaa, jibbaa fi dhiibbaa jaarraa hedduuf biyyoota Awuroopaa itti faca’anitti isaan irra gahaa turef, senaa asii gadii kana akka fakkeenyatti ilaaluu dandeenna.
Yeroon isaa jaarraa 14ffaa keessa ture. Bara akka ammaa saayinsiin fayyaa fi beekumsi woldhaansa hammayyaa hin babaldhanne sani. Bara talaalliinii fi qorichi ammayyaa hedduun hinbeekamne sani. Dhukkuba hinbeelamne wotu biyyoota Baha Fagoofi Awuropaa keessatti babaldhataa ture. Namoonni hedduun akka lubbuun darbaniifis sababa ta’aa ture.
Isaan dhukkubsatanii lubbuun hafan gargaaruu fi isaan du’an awwaaluun hojii guyya guyyaa namoota ta’e. Kanuma keessa dhukkubichi isaanittis darba. Isan irraas kan biratti. Kan biraa irraas kan biraatti. Akkasitti baldhataa Awuroopaa waliin gaha.
Sodaan, shakkiin, rifannoonii fi naasuun, waan godhan dhaban. Dhukkubichi nama heddu hubaa Awurooppaatti ilma namaa harchaasuu itti fuufe. Namuu dhukkubichaan qabamuu dhabuuf, yoo qabames irraa fayyuuf waan furmaata ni ta’a jedhee yaade of irratti yaala. Guyyaanis takka lama jedhaa deeme, dhukkubichis ummata fixaa deeme. Dhukkubicha dhaabuuf wanti garagara ni yaalame. Homtu fala ta’uu dide.
Martuu tiyyaan na-baasitti ka’e. Haakimoonni mana yaalaa cufanii baqatan. Qeesonni mana amantaa dhiisan. Daldalaan suuqii isaa cufe. Sirni mootumma yeroo san jiru sababuma kanaaf daaqe. Kuun magalaa dhiisee baadiyatti baqate. Beekumsi haalli dhukkubichi ittin daddarbu yeroo san waan hin jirreef, dhukkubichi baqatanille iddoma jiranitti isaanitti dhufuu qabe. Reeffi namoota dhukkubichaan du’anii awwalcha dhabanii ardii Awuurophatti asi achitti muldhachuu jalqabe. Reeffi namootaa irbaata bineensotaa fi allaatti ta’e.
Kun Dallansuu Waaqaa ta’a jedhamee namoonni waa balleessuu ofitti beekan offitti ragaaa bahanii, ummata fuulduratti baafamanii garafaman. Kanaanis dhukkubichi ni dide. Booda, Yihuudota (Jiwiishota) Awurooppa jiraataniin isintu kanaan nu gahe, dhukkubicha isintu fide, jechuun isaan fixuuttii ka’an. Bay’ee isanis ajjeesan.
Waggoota shaniif ( bara 1347 hanga 1351 tti), ‘Bubonic Plague Pandemic – Black Death’ kun ummata Awuuropaa tokko sadaffaa kan caalu mucuq godhee fixe. Akka addunyaatti ammoo ummata miiliyoona 200tti tilmaamamu fixe. Weerara hamaa Addunyaa mudate ta’ee seenaa irratti galmaaye. Baay’inni ummata Awuroopaas kan weerara dura tureetti deebi’ee qixxaatuuf waggaa 150 itti fudhate.
Taatewwaan umamaa akkanaafis kan Awuropaatti adabamaa fi farrajamaa ture Yihuudota achitti baqatan ture. Kana akka fakkeenya gaarii tokkotti kaafne malee jibbii fi adda-baafamuun Yihuudota irratti dhaqqabaa ture (Antisemitism) baldhaa ture.
****
Yahuudonni (Jewish) addunyaa irra faffaca’anii dhiibbaan, tuffatamni, jibbaafi miidhaan garagaaraa isaan irra gahaa ture kun, rakkoo kanaaf gurmuun fala barbaaduuf bara kudha saddeet saddeetamootaa (1880)taa keessa marii fi sosochii jalqabu. Waan ijoo tokko irrattis waliigalu: biyyi kophaa ta Yihuudota qofa ammatte jiraachuu akka qabdu. Biyya san ammoo eessatti ijaarra kan jedhu mariif dhihaate. Biyyoonni sadi filannoon dhihaatan. Tokko Arjeentiinatti biyya Yihudi ha ijaaru ta jettu, ta lammataa Ugaandatti biyya Yihudii ijaaruu wayya jettu, ta sadaffaa ammoo biyyuma durii kaasee abaabilee teenna waliin hariiroo qabdu Paalistinitti ijaaruu woyya ta jettu. Sadan keessaa ta Paalistiin tun filannoo ta’aa dhufte. Paalistiinitti biyya Yihudii tan Israa’eel jedhamtu ijaaruu yaadni jedhu ni moyate.
Sochii gara dachii Paalistiinitti deebi’uu haala qindaa’een oofuuf Jiwiishonni bebeekkamoon yeroo sanii sochii “Zionism” (Tsi’oonummaa) jedhamu jalqaban. Kun bara 1880moota keessa jechuudha. Sochiin Zionism (Jiwiishota addunyaa irra faffaca’an Paalisitiinitti deebiisanii biyya Israa’eel jedhamtu ijaarachuu) kana ammoo Yihuudota dhiibbaa uumuu danda’an kan Awuroopaa jiraataa turan kan akka Theodor Herzl fa’aan jalqabame.
Garuu kana milkeessuuf qormaatni cimaan isaan afoo jira. Lafti isaan Mootummaa Israa’el jedhamu irratti ijaarra jedhan sun lafa duwwaa namni irra hinjirree miti—barootaaf kan Paalistiinonni irra jiraataniidha.
Yeroo Yihuudonni sochii Zionism jalqaban san, bara 1880moota keessa, ummatni dachii san irra jiraatu kuma dhibba jahatti (600,000) kan tilmaamamu yoo ta’u, isaan kun irra caalaan (~%90) Araboota Muslimaa Sunni yoo ta’an, Kiristaanonni muraasnii (~%7) fi Yihuudonni (%2—3) qofa ta’u ture.
Ummanni sun yeroo san irra jireessaan (%64 kan ta’an) jiruun isaanii kan qonna irratti hundaa’e ture. Lafti sun hedduun abbootii lafaa sanyiin Arabaa (Paalistiinota) ta’an harka kan tureedha. Abbootiin lafaa kunis worra Ottoman Turkish kan naannoo san bara 1517 irraa kaasee bulchaa tureen sharikaa ta’uun bulu ture.
1880moota keessa, lafti %90 ta’u kan Araboota Paalistiin yoo ta’u, Yihudoonni achi jiran lafa %1 gadi (0.5%) ta’u qofa qabu. Kan hafe (~%10) kan worra lafa san bulchaa ture Ottomaan Turkiiti. Egaa haala kamiin laakkofsa ummataa kana jijjiiranii, lafa %1 hinguunne otoo hinqabaatin, Yihuudonni biyya Israa’eel jedhamtu ijaaruu irratti milka’uu danda’an? Israa’eliin ammaa tun akkamitti ijaaramte kan jedhu—dubbisaa jiraachuu keessaniifi itti haa fuufuu fedha qabaachuu keessan comment jalatti natti himaatii—kutaa sadaffaan walitti dachaana.
Qopheessan: Dr. Nuredin Luke




