
ISRAA’EEL: TA DURII FI TA AMMAA
Dur, waggoota kumaatamaan dura, Qaroomni Mesopotaamiyaa jabaa fi beekkamaa ture. Mootummoota afur kan yeroo garagaraa turan kan Sumeeriyaa, Akkadiyaa, Aseeriyaa fi Babilooniyaa jedhaman qaba ture. Lafti Mesopotaamiya sun biyya yeroo ammaa Iraaq jedhamtuudha. Mesopotaamiyaa jechi jedhu jechoota lama kan Meso fi Potamia jedhu irra kan dhufe yoo ta’u hiikkaa laggeen jidduu jedhu qaba. Argamni lafa sanii jidduu laga Euphratis fi laga Tigris ta’uu muldhisuudhaafi.
Naannoo waggaa kuma afur hardhaa (~3800—4000), namni tokko Mesopotaamiyaa Magaalaa ‘Ur’ jedhamtu keessatti dhalata. Yeroo inni dhalatu san ummanni biyya sanii xaa’otiitti (sooddutti) amanu ture. Namni achitti dhalate kun garuu cichee Waaqa tokkichatti amana ture. Namni sun Nabi Ibraahim (Abrahaam) dha.
Nabi Ibrahim (Abrahaam) booda Magaalaa Ur (Mesopotamia) dhiisee gara dachii “Kana’aan” (lafa yeroo ammaa Paalistiinii fi Israa’el jedhamtu) akka deemu, Rabbiis sanyii sanyii isaa akka eebbisuu fi akka cirrachaatti ykn urjiiwwan samii gubbaa jiraniitti baay’isuu waadaa (kakuu) galeefi. Innis haadha warraa isaa Zaaraa (Saaraa) fi ilma obboleessa isaatiif dhalatu Nabi Luux (Lot) waliin garas deema. Seenaan as booda jirus dheeraadha.
Abrahama (Ibraahim) haadha-warraa lammataa tan Hajaraa (Aggar) jedhamtu irraa ilma jalqabaa isaa kan Ismaa’el (Ishmaa’el) jedhamu argata. Nabi Ismaa’elis erga fuudheen booda ilmaan kudha lama argata. Ilmaan kudha lamman Nabi Ismaa’eel sun sanyii Arabootaa amma beeknu keessaa (Arabized Arabs—Adnanites) kan jedhaman ta’u. Nabi Mohammed (SAW) hiddi latiinsa isaanii karaa Nabi Ismaa’eel kanaan Nabi Ibraahim (Abraham) irraa dhufa.
Haadha-warraa jalqabaa Zaaraa (Saaraa) irraa ammoo Abraham (Ibraahim) ilma Yisaaq (Yishaq) jedhamu argata. Yisaaq ammoo ilma Yaaqub jedhamu argata. Yaaqub ammoo ilmaan kudha lama: Nabi Yuusuufii fi obboleeyyan isaa kudha tokkon argata. Sanyiin ilmaan kudha lamman Yaaquubii kun gosoota (saboota) Israa’elii kudha lamman ta’u.
Hidda latiinsaa yoo ilaalle Israa’elonnii fi Araboonni cinaan tokko Nabi Ibraahim (Abraham) irraa dhufu. Mata-duree keennaan kan walqabatu dhimma Israa’eloota waan ta’eef seenaa isaanii gaggabaabsaa ilaalla.
Yaaquubiif booda irra maqaan Israa’el jedhu bahaafi. Yaaqub (ykn Israa’el) ilmaan isaa waliin dachii Kana’aan irra jiraataa ture. Ilmaan isaa kudha lamman sun haadha afur irraa kan dhalataniidha. Nabi Yaaqub ilmaan isaa keessaa Yuusuufiin caalatti ofitti dhiheessa ykn jaalata ture. Haalli kun ammoo obboleeyyan isaa mana masaanuu hinaaffaa keessa seensisa. Hinaaffaa kana irraas ka’aniii gaaf tokko walmari’atanii Yuusuufiin boolla keessatti gatu. Boollatti gatanii yeeyyitu nyaate jedhanii booyaa gara qe’ee abbaatti deebi’u.
Boolla isaan Yuusuufiin itti gatan keessaa daldaltoonni karaa san darbaa turan bishaan woraabachuuf yoo harkiftu isaanii itti gatanii olharkisan mucaan bareedaan tokko irra taa’ee keessaa olba’a. Mucaa kana fudhatanii gara daldalaaf imalaa jiran—Masriin (Gibxiin)—geessu. Achittis warra mootii Masrii (Fara’oonotatti) gurguratu. Yooseefiin obboleeyyan isaatiin boolla keessatti haa du’uuf gatame sun haala kanaan Masaraa Mootummaa Masrii gahee achi keessatti guddata. Guddatees qormaatota isa mudataniin booda angoo qabata.
Obboleeyyan erga Yuusuufiin (Yooseefiin) boollatti gatanii waggaa ~22—25 ta’e booda naannoo jiraataa turan (Kana’aan) keessatti beelli cimaan mudata. Beela kana dandamachuuf obboleeyyan isaa kudha tokkon sun gara Masrii midhaan bitachuufi kadhachuuf deeman. Yeroo isaan Masri (Egypt) gahan Yuusuuf battaluma isaan argetti isaan beeke. Isaan garuu Yooseef boolla isaan gatan keessatti du’eeraan beeku malee Masritti abbaa taayitaa ta’ee kan heeyyama midhaan qoodamuuf san kennu isa ta’a jedhanii yaaduus hindanda’an ture.
Yuusuuf otoo eenyumaa isaa jaratti hin himin midhaan isaanii fe’eefi geeggesse. Garuu qabee obboleessa tiruu (haadhaanis tokkoo) kan Biiniyaam (Biniyaamiin) keessa safartuu midhaanii kan warqii irraa tolfame keessatti dhoksisiisee ture. Safartuun sun qabee isaa keessatti waan argameef inni ni hidhama jedhee tooftaa saniin Biiniyaamin ofbiratti hanbisee. Erga ofbiratti hanbisee booda inni obboleessa isaa Yuusuuf ta’uu isaa itti hima. Obboleeyyan kurnan hafan gara Kana’aanitti qajeelan. Deebi’aniis gara Masrii (Gibxii) dhufan. Gaafa deebi’anii dhufan isaanittis inni obboleessa isaanii Yuusuuf kan isaan boollatti gatanii turan san ta’uu itti hime. Booda abbaa isaanii Yaaqubiin dabalatee maatiin isaanii nama torbaatama (~70—75) ta’anii dachii Kana’aan san dhiisanii gara Masrii Nabi Yooseef (Yuusuuf) jiraatutti galan.
Maatiin Yaaqob (Israa’eel) Masritti jireenya itti fuufan. Walhoranii baay’inni isaanis yeroo gara yeroo dabalaa deeme. Jaarraa lama ta’uuf Gibxiin keessa nagahaan jiraataa turan. Jaarraa lamaaf erga Kana’aan dhiisanii Masriitti galanii jiraachuu jalqaban booda mootiileen (fara’oononni) Masrii kan isaan xireeffatanii jibban angoo qabatu. Fara’ooninni sun Israa’eloota kana waanjoo garbrummaa itti fe’anii rakkisu. Hujii humnaan hidha isaan kutu. Kabaja irraa hanqisanii isaan xiqqeessu. Mirga isanii irraa mulqanii jireenya itti hadheessu. Daa’imman isaaniif dhalatan akka ajjeefaman fa’a ajaju. Israa’elonni gabarummaa tanas baqatanii akka hindeemnes eeyyama isaan dhoorkatu.
Yeroo gabrummaa keessa jiran kana Muusaan (Muuseen) warra Israa’eel keessaa dhalata. Bara daa’imman Israa’eloota dhalatan ajjeefaman san dhalate; haati tooftaan ajjeefamuu jalaa isaa hanbisti. Booda inni obboleessa isaa Haaruun (Aron) waliin ta’ee Fara’ooniin akka ummata Israa’eel to’annaa isaa jalaa gadlakkisuu gaafata. Fara’oon ni dida. Diduu isaatiin balaan biyya isaatti bu’a. Gaafa balaan bu’u Nabi Muusaa fa’a waamee Waaqa narraa kadhaa balaa kana nurraa kaasisiisaa san booda isinis (Israa’eloonnis) ni deemtu jedhaan. Erga isaan Waaqa kadhatanii balaan sun ka’e booda waadaa isaa cabsee gad isin hin lakkisu jedhee dida. Ammas balaan biraa biyyaafi ummata isaa irratti bu’a. Isin gadlakkisaa nurraa kaasisa jedha. Erga balaan bu’e sun irraa ka’e booda ni dida. Akkasitti balaan adda addaa kudhan biyyaa fi ummata isaa mudatee; kudhanaffaa irraatti illmaan hangaafaa Gibxootaa dhumuu jalqabnaan akka waan harka kennuu ta’a.
Kana’aan irraa nama 70—75 ta’anii erga gara Masrii deemanii—waggaa 215 akka tilmaama beektota Qur’aanaattii ykn waggaa 430 akka Macaafa Qulqulluu irratti ibsametti—erga jiraatan booda abbaa worraa heddu (~600,000) ta’anii Masriidhaa ka’anii Galaanni Diimaan (Sea of Reeds, not Red Sea) iddoo lamatti adda banameefii keessa imalanii gara lafa Midiyeen jedhamtutti bahanii Gammoojii Siina (Sinia Desert) gahu. Otoo Siinaa jiranii Ajajoonni Kudhanii Muuseedhaaf bu’an. Dhagoonni Ajajawwan Kurnan irratti barraayanii jiran sanduuqa muka laaftoo irraa tolfame kan keessi isaa fi alli isaa warqiidhaan uwwifame (kan Taabota jedhamu) keessa kaayaman. Gammoojjii Siinaa (Sinia Desert) otoo jiranii Muusaanii fi Haaruun (Aron) lubbuun darbu. Ilmi Nawwee Iyyaasuun (Yushua ibn Nun— Joshua) ummata Israa’el hogganuu jalqaba. Innis hogganee saboota lafa Kana’aan irra turan injifannoo waraana waggaa torba fudhateen irraa buqqisee gosoota (saboota) Israa’el kudha lamman kan ilmaan Yaaqub irraa dhufan saniif akka gosa isaaniitiin dachii Kana’aan san qoqqoodaafi.
Erga Iyyaasuu ilmi Nawwee du’e booda, Israa’eloonni dachii Kana’aan irra waggoota itti-aanan ~200—250 abbootii firdii (abbootii murtii—judges) 15 kan walduraa dubaan dhufaniin bulaa turan. Yooshuwaa (Iyyaasuu) booda abbaan firdii (murtii) jalqabaa Ootnii’eel,→Ehuud →Shamgaar →Dibooraah (haadha murtii)→ Baaraq → Geedi’oon→ Abemeleeki→ To’olaa → Yaa’iir → Yeftaahe→ Ibzaan→ Eloon→ Abdon →Saamsoon →Eelii→ fi abbaan murtii ykn fidii kan dhumaa Samuu’eel dha.
Samu’eel booda, Soo’ul mootii ta’a. Isatti aanee, Nabi Daawud (Mootii Daawit— King David) kan Gooliyaadii guddicha warra Filistin mooye sun mootii ta’a.
Seenaan asii olitti Abarham (Ibraahim) irraa kaasee ilma isaa Yisaaqi, ilma Yisaaqii Yaaqoobiinii fi ilmaan Yaaqob obboleeyyan Yuusuufiin bira taree jireenya isaanii Masrii ture tuqee, Muusaadhaan gabrummaa fara’oonota Masrii jalaa bahuu isaanii akeekee, Iyyaasuudhaan (Jooshuwaadhaan) dachii Kana’aanitti deebi’anii, san booda abbootii murtii (firdiitiin) jiraataa turanii booda Mootii (Nabi) Daawud/Daawit bira gahuu isaanii seenessu kun seenaa waggaa kuma tokkooti. Seenaan kunniin kan Macaafa Qulqulluu fi Qura’aan irratti bifa baay’ee walitti-dhihaatuun ykn tokko ta’een kan dhihaataniidha. Qorattoonni seenaafi arkiyoolojii hedduun seenaalee kannin keessaa muraasaaf ragaa kan hin arganne, ni ta’a jedhanis kan hin amanneedha. Garuu Israa’elonnii fi hordoftoonni amantaa sadiinii (Kiristaanaa, Islamaa fi Judaayizimii) kun seenaa isa sirrii kan ummata Israa’el durii ta’uu guutuun guututti fudhatu.
***
Daawit (Daawud) saboota Israa’el kudha lamman tokkoomsee Jerusalem to’atee Mootummaa Israa’el (Kingdom of Isreal) ijaare. Jerusalem magaala guddoo (teessoo) mootummaa isaa godhe. Saboota naannoo san jiraataa turan kan akka Filistiinotaa, Moabayitoota, Ammonayitootaa, Edomayitootaa, Aremaniyoota, Ameelayikoota weraaruun lafa Mootummaa Israa’eel kana laga Euphrates kan Iraaq jiruu hanga Gammoojjii Siinaa (Sinai) kan Masri jiruu, qarqara laga meedetiraaniyaanii irraa hanga lafa gammoojji Jordaan taree haga gara gubbaa Saudi Arabia amma jirtuu baldhisee ture. Kun lafa Iyyaasuun (Yooshuwaan) saboota (gosoota) Israa’el kudha lamman saniif qoode irra dachaa hedduun kan caaluudha. Lafa kana “Israa’el Guddoo” jedhuun.
Itti aansee, ilma Nabi Daawud (Dawit) kan ta’e Nabi Suleeymaan (King Solomon—Xebiibuu Salamoon) Mootummaa Israa’el bulcha. Innis yeroo hoggansa isaa san mana sagadaa jalqabaa (First Temple/ Baytal Maqdis/ beeta maqdasii) ijaara. Taabota dhagaawwan ajajoonni kudhan irratti barrayanii jiran ofkeessaa qabu kan bara Muusee bu’an san yeroo duula bahan kamuu Israa’elonni duri humna nuuf ta’a jedhanii qabatanii deemuun ture. Suleeyman (Salamoon) erga mana sagadaa ykn beeytal maqdis ijaare booda Taabota (sanduuq ajajoota kurnan qabu) kana kabajaan iddoo filatamaa ta’e mana sagadaa san keessatti kaaya.
Erga Salamoon (Suleeyman) bulche darbe booda ilmi isaa Rehoboom jedhamu angoo fudhata. Gibira Israa’eeloota irratti baay’isa. Saboota Israa’el kudha lamman keessa isan kudhan ta’an irratti fincilu. Rehoboom jalatti buluu didanii saboonni 10 Israa’el sun mootummaa biraa ijaaratu.
Saboonni (gosoonni) Israa’el lama ( Yihuudaa fi Beeniyaamin) jedhaman hoggansa Rehoboom jalatti magaalaa Jerusalam teessoo godhatanii mootummaa isaanii (Kingdom of Judea) jedhanii itti fuufu.
Saboonni Israa’el kan fincilan kurnan hafan sun ammoo gara kaabaatiin magaalaa Samaria jedhamtu teessoo godhatanii Mootummaa Israa’el jedhanii walbulchuu itti fuufu. Israa’eeloonni Mootiin Dawit (Nabi Daawud) mootumma tokko jalatti tokkoomsee ture bifa kanaan mootumma lama ta’anii adda bahu. Erga adda bahan boodas waggoota dhibba lama ta’uuf wolqoccolaa walcinaa jiraataa turan.
Adda bahanii jaarraa lama (waggaa 208) booda, isaan gara kaabaa jiran kan saboota (gosoota) Israa’el kudhan hammatan sun Impaayera Asseeriyaatiin weeraramu. Mootummaan isaanis kufee barbadaaya. Asseeriyanoonni saboota 10 kana akka boojuutti fuudhanii addunyaa irra isaan facaasu. Saboonni kudhan sun addunyaa irratti iddoo adda addatti baqatu. Eenyummaan isaanis walmakee dhabamu. Saboonni kurnan sun sana booda gara Israa’el (Samaria) hindeebine. Kun egaa waan waggaa 2700 hardhaa ta’eedha.
Mootummaan saboota lamaanii (Kingdom of Judea) kan Jerusalemitti hafe sunis erga saboonni kurnan weeraramanii waggaa 136 booda (jechuun naannoo woggaa 2550 hardhaa) Impaayera Baabiloniin kan mootii Nabukadanatsur jedhamuun weeraramu. NabukadaNatsur (Nabuchadnezar II) Jerusalem weerare, dallaa dhakaa Jerusaleem marsee jiru diigee, Mana Sagadaa Salamoon ijaare barbadeessa. San booda achi buuteen Taabota Muusee sun dhabama. [Manni Amantaa Ortoodoksii Itoophiyaa garuu Taabotichi hinbadne bara Salamoon mootii ture san ilmi isaa Minilik kan Mootittii Saabaa irraa dhalatu fuudhee Itoophiyattiin galee jira. Kanaaf, Taabotichi as magaala Aksuum bataskaana Tsion Maariyamatti argama jedhu. Kana garuu Israa’elonni dhugaadha jedhanii hin fudhatan. Yeroo hedduu akkas jedhamuu isaattis bifa tuffiitiin qoosu.]
Nabukadanatsurin warra Baabiloon Jerusalem weerare Beeta Maqdasii (First Temple) diigee, ilmaan gosoota Israa’elii lamaan (Yihudaa) 20,000 ta’an booji’ee gara Baabiloon (lafa amma Iraaq) jedhamtu fida.
Mootummaawwan lamaan Israa’eelota kan adda bahan san haala kanatu mudata. Kan saboota kudhanii sun guutuun guututti Asseriyaanotaan barbaadayee yoo saboonni kudhan sun baqataniifi booji’amanii addunyaa irra faca’anii achi buuteen isaanii wallaalamu; kan saboota (gosoota) lamaan sanii (Judea) ammoo mootii Baabiloon Nabukadanatsuriin weeraramanii to’annaa isaa jala galu.
Gaafa saboonni kudha lamman tokko ta’anii waliin turan san Israa’eloota jedhamu ture. Erga adda cabanii, kurnan sun saboota biraatti makamanii badu. Lamaan hafan sun Yihudi ykn Jewish jedhamuun waamamu. Lafti lamaan hafanii sun ammoo Juda’a (Judea) jedhama. Kanaaf, maqaan Yihuudii (Jew) jedhu sanyii Israa’eloota-durii keessa muraasa (warra saboota lamaan sanii hammatan) malee hundaa kan bakka bu’uu miti.
Nabukadantsur (Nabuchadnezar II) Jerusalem weerare, Yihuudota gara Baabylion fidee waggaa shantam Baabiloon erga jiraatan booda Mootiin Peershiyaa (Iraanii ammaa) Qiiros Guddicha (ykn Cyrus the Great) jedhamu Baabiloon weeraree qabachuun Yahuudonni akka gara Jerusalem deebi’an labsiin eeyyameefi.
Cyrus the Great fi bulchitoonni Pershiyaa isa booda dhufan eyyamaniifii Jerusalemitti erga deebi’an booda Mana Sagadaa Saloomoon ijaaree ture (First Temple) kan Nabukadanatsur diige, san deebisanii akka harawaatti ijaaru (Second Temple). Mootilee Parshiyaanotaa jalatti hoggansa ofiitiin Jiwiishonni waggatoo 207 erga bulan booda Iskindir Guddichi (Alexander the Great) Meqedooniyaa (Naannoo Giriikii) ka’ee dhaloota kiristoos dura bara 332 Pershiyaanota ar’ee ofii isaa Judaa (Jerusalem, Judea) to’ata. Erga Alexander du’e booda Jiwishonni warra Impaayera Alexander ijaaree bakka lamatti qoodatan lamaan (Giriikota) jalatti bulaa turan.
Mootiiwwan Giriikota san keessaa kan Antiochus IV jedhamu Jiwiishonni akka gara iddoo Mana Sagadaa ykn Temple deemanii sirna kadhannaa hingoone dhorke. Kun ammoo Yihuudonni akka fincilan godhe. Fincilli sunis Fincila Makkabi’an jedhamuun beekama. Erga Fincilaan booda mooyatanii iddoo Temple sanitti deebi’anii sirna kadhannaa godhuu itti fuufan. Taatee kanaan walqabatu hanga guyyaa hardhaa Yihuudonni Hanukkah jechuun wagga waggaan kabaju. Fincila san hordofes waggaa dhibbaaf Mootummaa Hasmonean jedhamu ijaaratanii ofumaan ofbulchaa turan.
Dhaalota Kiristoos dura bara 63, Impaayerri Roomaa kan mootii Pompeyo the Great jedhamuun hogganamuu Judea (Biyya Yihuudii) weraree Jerusalem ofjalatti galcha. San booda warri Room Mootii Herood bara 37 Dh.K Dura akka Judea bulchu godhan. Innis manni sagadaa werara Baabiloon booda ijaaramee ture (Second Temple) waggaa dhibba shanii ol turee waan moofeef irra deebi’ee baldhisuun haaromsee ture. Yeroo Mootiin Herood bulchaa turetti Iyyasuus (Isaan ykn Kiristoos) biyya Yihuuda ganda Beeteliheemiititti dhalate.
Egaa seenaan Abrahaam (Ibraahim) irraa kaasee hanga Iyyasuus (Nabi Isaa) jiru kun seenaa waggaa kuma lamaati. Abraham irraa hanga Daawit waggaa kuma tokko (~900); Daawit irraa hanga Kiristoos waggaa kuma tokko jechu.
Dhaloota Kiristoos booda bara 66-70 Yahuudonni warra Impaayera Roomaa isaan bulchaa ture irratti fincilu. Roomaanonni Jerusalem barbadeessanii, mana sagadaa lammaffaa ijaarame (second temple) diiganii, Yihuudonni (gosoonni Israa’el lamaan hafan sun) akka gara biyyoota Afrikaa Kaabaa, Awuropaa, fi Baha-Jiddugaleessaa bittinnaayan isaan godhanii fincila san to’atan.
Yeroo lammataaf Yihuudonnu muraasni hafan bara 132-135 warra Roomaa irratti fincilaanii turan. Warri Roomaa finicilicha humnaan cabsanii Yihuudonni akka gara Jerusalem lammata hingeenne qoqobbii irra kaayanii, Jerusalem irraa isaan facaasan. Lafa sanis Syria Palestina jedhanii moggaasan. Kutaa itti aanuun erga addunyaa irra faffaca’anii waggaa kuma lama jiraatan booda bara 1948 akkamitti lafa sanitti deebi’anii biyya amma Israa’el jedhamtu kana hundeessan kan jedhuu fi kana booda maal barbaacha Baha Jiddugaleessaa keessatti waraana adeemsisu kan jedhu ilaalla. Barreeffama dheera kana yoo dubbistanii jiraattan kuta comment jalatti kutaan lammaffaan akka itti fuufu naaf hima.




