๐——๐—ถi๐—ป๐—ฎ๐—ด๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ ๐—–๐˜‚๐—พ๐˜‚๐—น๐—ถ๐—ถ๐˜€๐—ฎ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ: ๐—ค๐—ฎ๐—ฏ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—•๐—ถ๐˜€๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ถ๐—ถ

๐——๐—ถi๐—ป๐—ฎ๐—ด๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ ๐—–๐˜‚๐—พ๐˜‚๐—น๐—ถ๐—ถ๐˜€๐—ฎ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ: ๐—ค๐—ฎ๐—ฏ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—•๐—ถ๐˜€๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ถ๐—ถ

๐——๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ด๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ ๐—–๐˜‚๐—พ๐˜‚๐—น๐—ถ๐—ถ๐˜€๐—ฎ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ: ๐—ค๐—ฎ๐—ฏ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—•๐—ถ๐˜€๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ถ๐—ถ ๐—ข๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ต๐—ฎ ๐—ค๐˜‚๐—ฟ๐˜…๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ถ๐—ถ๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ณ
Oromiyaan qabeenya lageenii, haroowwanii, hidhaawwanii, burqituuwwaniifi kuufamoota bishaanii kumatamaan lakkaa’aman akkasumas, sirnakkoo qonnaa danuun kan eebbifameedha. Haataโ€™u malee, qabeenya bishaanii bulchuu ilaalchisee waggootaf dagannaa hamaa keessa turre. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, hanqina kana dafee mil’achuun, inisheetivii misooma beeyladaa jalatti “Misooma Qurxummii” akka utubaa ceโ€™uumsa dinagdeefi wabii nyaataatti qabatee sochii eegale. Imala kana milkeessuuf, hoggansi qabeenya bishaaniifi misooma qurxummii, karoora tarsiimaโ€™oo “Dinagdee Cuquliisaโ€ (Blue Economy) ijaaruu dubbii hangafaati.

๐—ค๐˜‚๐—ฟ๐˜…๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ฆ๐—ผ๐—ผ๐—ฟ๐—ฎ๐˜๐—ฎ ๐—ค๐—ผ๐—ณ๐—ฎ ๐— ๐—ถ๐˜๐—ถ; ๐—œ๐—ท๐—ฎ๐—ฎ๐—ฟ๐˜€๐—ฎ ๐——๐—ต๐—ฎ๐—น๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐——๐—ผ๐—ฟ๐—ด๐—ผ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ถ
Aadaa misoomafi nyaata bishaan keessaa dagaagsuun, madda soorataa mirkaneessuu qofarratti kan danga’u miti. Bu’uura ijaarsa dhaloota sammuun qarameefi qaamaan cimaa ta’ee mirkaneessutillee. Nyaanni qurxummii qabiyyee (protein, vitamin, Omega-3) dhaloota gama hundaan dorgomaa taโ€™e uumuuf barbaachisuun kan badhaadhedha. Inisheetiviifi hojiin idilee misooma qurxummii galmoota wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii umuu keessatti shoora olaanaa kan qabu yootaโ€™u, hojiiwwan hanga ammaatti raawwatamaniin buโ€™aawwan abdachiisoon argamaa jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, waggoota sadii as inisheetivii horsiisa qurxummii qorannoo qurxummiifi lubbu-qabeeyyii bishaan Keessaatiin deeggarame hojiitti galcheera. Adeemsa kanaan, imalli ceโ€™umsa gabaafi mala omishaa aadaa irraa gara sirna ammayyaawaafi qorannoon miilteffameetti taasifamu karaa qabachaa jira. Akkasumas cancalli sonaa (value chain) baldhaan ijaaramuurratti argama.

๐—”๐—ด๐—ฎ๐—ฟ๐˜€๐—ถ๐—ถ๐—ณ๐˜๐˜‚๐˜„๐˜„๐—ฎ๐—ป ๐—œ๐—บ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—๐—ถ๐—ท๐—ท๐—ถ๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐— ๐˜‚๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ
Sanyii qurxummii fooyyaโ€™aa gosa sadi qorannoon adda bahan irraa cuucii baayโ€™isuun raabsuurratti argamna. Bara omishaa 2017, cuucii qurxummii mil. 2 kan raabsine yootaโ€™u, haroowwan harka namaatiin qotaman (ponds) 1,236 qopheessineerraa. Barichatti, qurxummii kuntaala kuma 258 omishuuf karoorfamee, kutannoo dargaggoota, qonnaan bultootaafi ogeeyyii keenyaan, kuntaala kuma 331 ol gabaaf dhiyeessuun dandaโ€™ameera. Bara 2018 cuucii qurxummii mil. 2.74 raabsuuf karoorfannee, hanga kurmaana sadaffaatti karoora waliigalaatii ol mil. 3.1 magaalotaafi baadiyyaatti raabsineerra.

Also Read  Iraan Irraa Biyyoonni SunniI Maal Barachuu Qabu?, Kutaa 1ffaa

Gama kanaanis, qindoominni ummataafi mootummaa gidduutti umamaa jiru, imala jijjiiramaa fullaโ€™aa karaa qabsiisurratti argama. Akkasumas, hawaasni hedduun carraa hojii ummachuun oomishtummaa qurxummii keessatti kallattiifi alkallattiin hirmaachuu kan jalqaban yoota’u, dargaggoonni keenya laggeen, haroowwan, hara nam-tolcheefi hidha jallisii fayyadamuun gara abbaa qabeenyummaatti ce’aa jiru

๐„๐ ๐ž๐ซ๐ž: ๐‡๐ฎ๐๐ก๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž๐Ÿ๐ข ๐€๐ค๐ž๐ž๐ค๐š
Toora bobbii haaraa ummata biratti hinbaramne kana, sadarkaa olaanaa kanatti karoorsuun qormaata malee akka hinmilkoofne MNO nihubata. Hanqinaaleen teknoolojii, ogeessaa, leecalloo geejjibsiisaafi kuusa qabbanaaโ€™aa (cold-chain logistics)โ€™fi dhiyeessii sanyii qurxummii fooyya’aa gufuu ijoo gama kanaan mudachaa turaniifi jiraniidha. Kanaafis โ€˜๐‘ฒ๐’‚๐’“๐’๐’๐’“๐’‚ ๐‘ถ๐’‡๐’…๐’‚๐’๐’…๐’‚โ€™๐’–๐’–โ€™ waggoota shanan dhufaniitiin (2019-2023) furmaata waaraa qabatee hojiitti kan galu taโ€™a. Akkaatuma kanaan, gamanumaa hojiilee wiirtuulee baay’isa sanyii qurxummii babaldhisuu, sirna dhiyeessiifi gabaa ammayyaa diriirsuu, humna namaa ogummaa qabu bobbaasuu eegalleerra. Akkasumas hubannoo sirna nyaata bishaan keessaa guddisu irratti sochii taasisaa jirra. Bu’uuruma kanaan, waggoota shanan dhufan, qaama bishaanii kamuu misooma qurxummiif oolchuuf qophii barbaachisu mara taasiseera. Karoora raabsa cuucii qurxummii bara 2018 mil. 2.74 ture, bara 2019 mil. 20โ€™n gahuuf karoorsee gamanumaan hojjetaa jira.

๐—š๐˜‚๐—ฑ๐˜‚๐˜‚๐—ป๐—ณ๐—ฎ๐—ฎ
Walumaagalatti, dilbii guddaa gama kanaan naannichi qabu misoomsuun fedhii gabaa olaanaa umamaa jiru, carraa hojii, akkasumas galmoota wabii nyaataafi nyaata madaalawaa mirkaneessuun akka danda’amu deeggarsiifi hordoffiin barbaachisu marti nitaasifama. Horsiisni qurxummii hojii asiifi achitti bittinnaaโ€™ee mala aadaatiin gaggeeffamu osoo hintaane, damee dinagdee ammayyaa badhaadhina Oromiyaa keessatti dhiibbaa qabatamaa fidu ta’ee baha.

Dhumarrattis, dilbii harkaa qabnu beekuun, sirnaan misoomsinee, dargaggoonnifi hawaasni baldhaan biyya ofiitti ulfinaan akka jiraatan, carraan invastimantii akka baldhatuufi maatii marti soorata madaalawaa akka argatu taasisuuf kutannoon kan hojjannu ta’a. Akkasumas galma badhaadhina hunda galeessa qabame milkeessuuf humnoota tumsaa fayidaa ummataa baay’isan kamuu kan fayyadamnu ta’uu asuman mirkaneessuun barbaada.

Also Read  ๐—ญ๐—ผ๐—ผ๐—ป๐—ถ๐—ถ ๐——๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ด๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ ๐—”๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ: ๐‡๐š๐š๐ซ๐จ๐ฆ๐ฌ๐š ๐—˜๐—ด๐—ฒ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ ๐——๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ด๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ ๐—”๐—ณ๐—ฟ๐—ถ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ

Nu Quunnamaa

Comments

No comments yet. Why don’t you start the discussion?

Leave a Reply