
๐๐ถ๐ป๐ฎ๐ด๐ฑ๐ฒ๐ฒ ๐๐๐พ๐๐น๐ถ๐ถ๐๐ฎ ๐ข๐ฟ๐ผ๐บ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ: ๐ค๐ฎ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ ๐๐ถ๐๐ต๐ฎ๐ฎ๐ป๐ถ๐ถ ๐ข๐บ๐ถ๐๐ต๐ฎ ๐ค๐๐ฟ๐
๐๐บ๐บ๐ถ๐ถ๐๐ถ๐ถ๐ณ
Oromiyaan qabeenya lageenii, haroowwanii, hidhaawwanii, burqituuwwaniifi kuufamoota bishaanii kumatamaan lakkaa’aman akkasumas, sirnakkoo qonnaa danuun kan eebbifameedha. Haataโu malee, qabeenya bishaanii bulchuu ilaalchisee waggootaf dagannaa hamaa keessa turre. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, hanqina kana dafee mil’achuun, inisheetivii misooma beeyladaa jalatti “Misooma Qurxummii” akka utubaa ceโuumsa dinagdeefi wabii nyaataatti qabatee sochii eegale. Imala kana milkeessuuf, hoggansi qabeenya bishaaniifi misooma qurxummii, karoora tarsiimaโoo “Dinagdee Cuquliisaโ (Blue Economy) ijaaruu dubbii hangafaati.
๐ค๐๐ฟ๐
๐๐บ๐บ๐ถ๐ถ๐ป ๐ฆ๐ผ๐ผ๐ฟ๐ฎ๐๐ฎ ๐ค๐ผ๐ณ๐ฎ ๐ ๐ถ๐๐ถ; ๐๐ท๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐๐ฎ ๐๐ต๐ฎ๐น๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐๐ผ๐ฟ๐ด๐ผ๐บ๐ฎ๐ฎ๐๐ถ
Aadaa misoomafi nyaata bishaan keessaa dagaagsuun, madda soorataa mirkaneessuu qofarratti kan danga’u miti. Bu’uura ijaarsa dhaloota sammuun qarameefi qaamaan cimaa ta’ee mirkaneessutillee. Nyaanni qurxummii qabiyyee (protein, vitamin, Omega-3) dhaloota gama hundaan dorgomaa taโe uumuuf barbaachisuun kan badhaadhedha. Inisheetiviifi hojiin idilee misooma qurxummii galmoota wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii umuu keessatti shoora olaanaa kan qabu yootaโu, hojiiwwan hanga ammaatti raawwatamaniin buโaawwan abdachiisoon argamaa jiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, waggoota sadii as inisheetivii horsiisa qurxummii qorannoo qurxummiifi lubbu-qabeeyyii bishaan Keessaatiin deeggarame hojiitti galcheera. Adeemsa kanaan, imalli ceโumsa gabaafi mala omishaa aadaa irraa gara sirna ammayyaawaafi qorannoon miilteffameetti taasifamu karaa qabachaa jira. Akkasumas cancalli sonaa (value chain) baldhaan ijaaramuurratti argama.
๐๐ด๐ฎ๐ฟ๐๐ถ๐ถ๐ณ๐๐๐๐๐ฎ๐ป ๐๐บ๐ฎ๐น๐ฎ ๐๐ถ๐ท๐ท๐ถ๐ถ๐ฟ๐ฎ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐ ๐๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ
Sanyii qurxummii fooyyaโaa gosa sadi qorannoon adda bahan irraa cuucii baayโisuun raabsuurratti argamna. Bara omishaa 2017, cuucii qurxummii mil. 2 kan raabsine yootaโu, haroowwan harka namaatiin qotaman (ponds) 1,236 qopheessineerraa. Barichatti, qurxummii kuntaala kuma 258 omishuuf karoorfamee, kutannoo dargaggoota, qonnaan bultootaafi ogeeyyii keenyaan, kuntaala kuma 331 ol gabaaf dhiyeessuun dandaโameera. Bara 2018 cuucii qurxummii mil. 2.74 raabsuuf karoorfannee, hanga kurmaana sadaffaatti karoora waliigalaatii ol mil. 3.1 magaalotaafi baadiyyaatti raabsineerra.
Gama kanaanis, qindoominni ummataafi mootummaa gidduutti umamaa jiru, imala jijjiiramaa fullaโaa karaa qabsiisurratti argama. Akkasumas, hawaasni hedduun carraa hojii ummachuun oomishtummaa qurxummii keessatti kallattiifi alkallattiin hirmaachuu kan jalqaban yoota’u, dargaggoonni keenya laggeen, haroowwan, hara nam-tolcheefi hidha jallisii fayyadamuun gara abbaa qabeenyummaatti ce’aa jiru
๐๐ ๐๐ซ๐: ๐๐ฎ๐๐ก๐๐๐ฅ๐๐๐๐ข ๐๐ค๐๐๐ค๐
Toora bobbii haaraa ummata biratti hinbaramne kana, sadarkaa olaanaa kanatti karoorsuun qormaata malee akka hinmilkoofne MNO nihubata. Hanqinaaleen teknoolojii, ogeessaa, leecalloo geejjibsiisaafi kuusa qabbanaaโaa (cold-chain logistics)โfi dhiyeessii sanyii qurxummii fooyya’aa gufuu ijoo gama kanaan mudachaa turaniifi jiraniidha. Kanaafis โ๐ฒ๐๐๐๐๐๐ ๐ถ๐๐
๐๐๐
๐โ๐๐โ waggoota shanan dhufaniitiin (2019-2023) furmaata waaraa qabatee hojiitti kan galu taโa. Akkaatuma kanaan, gamanumaa hojiilee wiirtuulee baay’isa sanyii qurxummii babaldhisuu, sirna dhiyeessiifi gabaa ammayyaa diriirsuu, humna namaa ogummaa qabu bobbaasuu eegalleerra. Akkasumas hubannoo sirna nyaata bishaan keessaa guddisu irratti sochii taasisaa jirra. Bu’uuruma kanaan, waggoota shanan dhufan, qaama bishaanii kamuu misooma qurxummiif oolchuuf qophii barbaachisu mara taasiseera. Karoora raabsa cuucii qurxummii bara 2018 mil. 2.74 ture, bara 2019 mil. 20โn gahuuf karoorsee gamanumaan hojjetaa jira.
๐๐๐ฑ๐๐๐ป๐ณ๐ฎ๐ฎ
Walumaagalatti, dilbii guddaa gama kanaan naannichi qabu misoomsuun fedhii gabaa olaanaa umamaa jiru, carraa hojii, akkasumas galmoota wabii nyaataafi nyaata madaalawaa mirkaneessuun akka danda’amu deeggarsiifi hordoffiin barbaachisu marti nitaasifama. Horsiisni qurxummii hojii asiifi achitti bittinnaaโee mala aadaatiin gaggeeffamu osoo hintaane, damee dinagdee ammayyaa badhaadhina Oromiyaa keessatti dhiibbaa qabatamaa fidu ta’ee baha.
Dhumarrattis, dilbii harkaa qabnu beekuun, sirnaan misoomsinee, dargaggoonnifi hawaasni baldhaan biyya ofiitti ulfinaan akka jiraatan, carraan invastimantii akka baldhatuufi maatii marti soorata madaalawaa akka argatu taasisuuf kutannoon kan hojjannu ta’a. Akkasumas galma badhaadhina hunda galeessa qabame milkeessuuf humnoota tumsaa fayidaa ummataa baay’isan kamuu kan fayyadamnu ta’uu asuman mirkaneessuun barbaada.
Nu Quunnamaa
- Marsariitii: Bokkuumedia.com
- Social Media: Facebook, YouTube, Telegram
- Application: Bokkuu Media
- Imeelii: admin@bokkuumedia.com





