
Fayyaa Yeroo Ulfaa
Ulfa Gadameessaan Alaa
➫ Ulfi gadaamessaan alaa ulfa walii galaa keessaa 2% kan ta’u irratti uumama
➫ Kunis atattamaan yaala hin argatu taanan rakkoo hamaaf nama saaxiluu danda’a
➫ Hanga 6% du’a haadholiif sababa ta’a
➫ Ulfi gadameessaan alaa jechuun yeroo hanqaaquun fertilized ta’e gadameessaan alatti biqilu(dhaabbatu) dha.
➫ Harki caalaan isaa ujummoo gadameessaa fi oovaarii wal quunnamsiisu (Fallopian tube) keessatti uumama
➫ Harki hafe immoo miciree gadameessaa,balbala gadameessaa,garaa keessaa fi kkfn irratti biqiluu danda’a.
◍ Wantoota dhibee kanaaf nama saaxilan
➫ Ulfa gadameessaan alaa kan yeroo duraani
➫ Miidhamuu ujummoo gadameessaa keessumaa infeekshinii karaa wal-quunnamti saalaan daddarbaniin (STI)n
➫ Opereshinii ujummoo gadameessaa fi naannoo isaa
➫ Tamboo xuuxuu fi kkfn
Mallattoo Isaa
Mallattoon yeroo baay’ee muul’atu
➫ Dhukkubbii garaa gara gadii
➫ Laguun hafuu ykn dhaabbachuu.
➫ Dhiiguu gadameessaa
➫ Lafti namaan maruu
➫ Dabalataanis mallattoo ulfaa kan akka ol ol nama jechuu kajeeluu, tuttufsiisuu,harma nama dhukkubuu..
➫ Ulfi ujummoo gadameessaa keessatti biqilu dho’uun dhibicha hammeessuu danda’a
Mala Ittisaa
➫ Dhukkuboota/dhibeewwaan sal-quunnamtii saalaa daddarban ittisuu fi yeroon yaala ga’aa ta’e argachuun hamma dhibichaa ni hir’isa.
➫ Ulfa gadameessaan alaa kanaaf yaalamani yoo itti fufinsaan ulfaa’an atattamaan gara mana yaalaa deemani ultrasoundi ka’uun barbaachisaadha.
Kanaaf deemaa ulfaa keessatti ulfi gadameessaan alaa akka jiru hubannoo keessa galchuun barbaachisaadha.
➫ Wal quunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabnerraa of eeguu ykn kondoomii fayyadamuu
Yaala
Rakkoon kun atattamaan yaal argachuu qaba waan ta’eef namni mallattoo kana qabu atattamaan gara mana yaalaa deemuu qaba.
Ulfi gadameessaan alaa yoo uumame carraan deebi’ee dhufuu isaa ni dabala
Haadhi rakkoon kun ishee mudate carraan deebitee daa’ima godhachuu ishee 50- 90% ga’uu danda’a.

Yeroo Malee Ciniinsuu fi Daa’umsa Maaltu Fida?
Ulfi torban 20 erga darbee, osoo torban 37 hinguutiin yoo ciniinsuun dhufe osoo yeroo hin ga’iin dhufe jedhama. Daa’imni yeroo kana dhalates osoo yeroon hinga’iin dhalate jedhama. Daa’imni yeroo malee dhalate ammoo rakkoowwan fayyaa hedduuf kan saaxilame dha.
Yeroo malee ciniinsuun akka dhufu kan taasisan wantootni hedduun ni jiru. Isaan keessaa gurguddoon:-
- Kanaan dura yeroo malee da’anii kan beekan yoo ta’e.
- Bishaan gubbee dursee yoo dhangala’e
- Gadameessa keessa daa’imni lamaa (lakkuu) fi isaa ol kan jiran yoo ta’e.
- Dheerinni ulaa gadameessaa gabaabduu yoo ta’e
- Gadameessi ykn ofkaltiin Rakkoo yoo qabaatan
- Infekshinii ujummoo fincaanii fi Naannoo qaama saalaa yoo qabaatan
- Rakkoowwan fayyaa kan akka dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa qabaachuu
- Umrii da’uuf gaarii hintaane (waggaa 20 gadii fi 35 ol) tti ulfaa’uu
- Baa’yee walitti butaniis (waggaa 1 fi ji’a ja’a) walirraa fageessannii ulfaa’uu (waggaa 5)
Baay’achuu bishaan gubbee
- Daa’imni Rakkoo fayyaa uumamaan yoo qabaate.
- Haali uumama ofkaltii bakka sirrii malee yoo ta’e
- Yeroo malee ofkalttiin bakka qabatee yoo gadhiise
- Tamboo aarsuu fi alkoolii dhuguu fi kkf. Haa ta’u malee darbee darbees kan hin beekamne jiru.
Akkamitti yeroo malee da’uu ittisuun danda’ama?
- Hordoffii ulfaa taasisuun wanta ogeessi jedhe dalaguu
- Rakkoo fayyaa duran jiru osoo hin ulfaa’iin dura sirriitti too’achuu
- Umrii daa’ima godhachuuf hin taanetti daa’ima godhachuu dhiisuu.
- Walitti dhi’eessaniis ta’e walirraa fageessanii da’uu dhiisuu
- Nyaata madaalamaa nyaachuu
- Araada adda addaa irraa bilisa ta’uu fi kkf taasisuun dhufaatii yeroo malee ciniinsuuf da’umsaa hir’isuun ni danda’ama.

Dhukkubbii Marsaa Laguu (Dysmenorrhea)
Yeroo marsaa laguu arganitti dubartoonni hunduu dhukkubbii garaa hanga ta’e ni argu; haa ta’uu malee garuu, dubartoota laakkofsaan muraasa hin jedhamne irratti dhukkubbiin humnaa olii hanga dalagaa idilee isaanii raawwachuu dadhabanitti isaan geessu isaan muudachuu danda’a. Dhukkubbiin marsaa laguu kun guyyootaa 3-4 kan turuu danda’u fi rakkoowwaan baay’inan dubartoota muudatan keessaa isa tokko yo tahu, dubartoota umrii wol hormaataa keessa jiran parsantii 20-90% muudachuu danda’a. Dubartoonni rakkoo kanaaf saaxilamoo ta’anis kanneen
Dubartoota marsaa laguu irratti dhiigni humnaa olii irraa yaa’u (>80 ml ykn guyyaa 8f ol kan irra turu) Kanneen marsaa laguu dhaabbataa hin ta’in qaban (Irregular periods) Dubartoota umrii 12 gaditti laguu arguu eegalan,
- Dubartoota ulfaatinni qaama isaanii gadi bu’aa ta’e
Dubartoota tamboo aarsan
Dubartoota rakkoon dirqisiisanii gudeeduu isaan muudate (Sexual Assault) fi kkf dha. Rakkoon kun yeroo baay’ee yeroo dubartoonni marsaa laguu itti arguu eegalan irraa jalaqabee kan mul’atuu dha. Dhukkubbiin kunis kan dhaga’amu garaa naannoo handhuraa gaditti, cinaa garaa gara gadii lamaanii fi dugda gara gadii gulaan dhaga’ama. Dhukkubbiin cinattis dubartoonni kun mallattoolee kanneen akka fedhii nyaataa dhabuu, Diddiguu (OL deebisuu), garaa kaasaa, gogiinsa garaa (Constipation), wantoota kanneen akka ifaa, sagalee jibbuu, dadhabbii qaamaa, of jibbuu fi kkf qabaachuu ni dandeessi. Dhukkubbiin kun yeroo baay’ee dubartoota umrii 10-20 jiran keessatti osoo rakkoon fayyaa hin jiraatin (Normally) argamuu ni mala. Haa ta’uu malee garuu dubartoota umriin isaanii fagaatee jiru irratti dhukkubbiin kun mallattoolee dhibeewwan gadaamessa kanneen akka Uterine Fibroids, Adenomyosis, Endometriosis, Hymenal abnormality, Pelvic Inflammatory Disease, Ovarian cyst, Leiomyoma fa waan ta’uu danda’uuf dubartoonni dhukkubbii humnaa olii kana qaban keessumayyuu yoo dhukkubbiin kun dabalataan mallattoolee kanneen akka iita’uu garaa, gubaa qaamaa, dhangala’aa foolii qabu qaama hormaataa irraa dhangala’uufi kkf kan qabu ta’e gara ogeessa fayyaa deemanii yaalamuu qabu. Dubartoonni umrii gadi aanaa irratti rakkoo fayyaa tokko malee dhukkubbiin kun isaan muudatu immoo dhukkubbi kana hirdhisuuf wantoonni isaan gochuu qaban keessaa muraasni:
Sosochii qaamaa gochuu
Osoo umriin isaanii hin fagaatin daa’ima godhachuu qusannaa maatii fayyadamuu (OCP).
Yo dhukkubbiin kun kanaan hin fooyyofne kan ta’u ta’e gara ogeessa fayyaa naannoo keessan jiruu deemtanii yaalaa fi qorannoo barbaachisaa ta’e gochuu qabdu. Karaa birattiin immoo ilaalchonni dogongoraa kanneen akka dubartiin tokko yoo wol qunnamtii saalaa goote dhukkubbiin ni bada jedhu fi qorichoonni dhukkubbii kanaaf ajajaman rakkoo dhala godhachuu (Infertility) dhaaf nama saaxilu kan jedhu dogongora fi walitti dhufeenya kan hin qabnee dha. Dhukkubbiin kun kan baduu danda’u eerga dubartiin tokko deesseen booda malee wol qunnamtii saalaan miti. Qorichoonni dhukkubbii kanneen wol’aanuuf gargaaramnus rakkoo dhala godhachuu hin fidan, Garuu qorichoota kanneen keessaa tokko OCP (Oral Contraceptive pills) kan qusannaa maatiifis fayyadamnuu dha, innis dubartii tokko hanga isa fayyadamtu qofa ulfaa’uu hin dandeenye malee rakkoo dhala dhabuu (Infertility) hin fidu.

Qorichoota Yeroo Ulfaa Fudhatamuu Hin Qabne
Qorichi yeroo ulfaa dhibbaa dhibbatti ulfa irratti guutummaa guututti rakkoo hinqabu jedhamu waan hin jirreef haati tokko yeroo ulfaa qoricha kamiyyuu osoo ogeessa fayyaa hin mariisisiin fudhachuu hinqabdu!
Qorichootni baayyeen yeroo ulfaafudhatamuu hin qabne hedduutu jiru. Haa ta’u malee kanneen gurguddoon kan armaan gadiiti.
1. NSAIDS ( Aspirine, Diclofenac, Ibuprofen, Indome thacin….etc): keessumaa torbee28 booda(3rd trimester). Kale fi onnee daa’imaa irratti miidhaa qaba!
2. Statins (Atrovastatine,Simvastatine,Levostatine…etc): qorichootni kun kolestrolii haadhaa gadi buusu, kolestrooliin ammoo guddina daa’imaaf barbaachisaadha.
3. Warfarin: rakkoo dhalootaa fiduu danda’a( multiple birth defects)
4. Testestrone: rakkoo dhalootaa fiduu danda’a
5. Misoprostol: ulfa irraa baasa( miscarriage)
6. Sulfamethoxale/trimethoprim(Bactrim): keessumaa torbee 28 boodafudhatamuu hin qabu
7. Nitroimidazole(Metronidale and Tinidazole): keessumaa torbee 12 jalqabaa irratti(1st trimester) fudhatamuu hin qabu.
8. Griseofulvin: ulfa irraa baasa( spontanous abortion)
9. Methotrexate: rakkoo dhalootaa fida. Fkn ‘cleft palate’
10. Thalidomide: rakkoo dhalootaa fida. Fkn harkaa fi ykn miilli uumamuu dhabuu ykn gabaabbachuu.
11. Estradiol
12. Clomiphene citrate: dawaan kun haadholii daa’ima godhachuu dhaban yaaluuf kan gargaaru dha. Haa ta’u malee erga ulfi gadameessatti uumamee fudhachuun qaama ddaa’imaa irratti rakkoo dhalootaa fida!
13. Medroxyprogestrone acetate: qaama saalaa daa’ima gadameessa jiruu akkaata sirrii hintaaneen akka uumamu gochuu mala.
14. Danazol: uumama sirna qaama walhormaata daa’imaa dhalaa(durbaa) irratti rakkoo fida
15. Finasteride: guddina sirna walhormaata daa’ima dhiirarrtti rakkoo fida
16. Tetracycline: rakkoo lafee fi ilkaan daa’imaa fida
17. Chloramphenicol: dhukkuba ‘gray baby syndrome’ jedhamu daa’imatti fida
18. Isoniazid: daa’imatti gaggabdoo fi miidhaa tiruu fida.
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!
Ulfaa fi Daa’umsa
- Dubartiin tokko yeroo ulfaa ulfaatinni ishii kan duraa irratti Kg 8-12 ni dabala.
- Qabiyyeen (volume) dhiiga ishii kan duraa irra dhibbeentaa 40 – 50 (40% – 50%) ni dabala.
- Dha’annaan onnee ishii haga duraa irra daqiiqaatti 10 – 15 ni dabala.
- Sochiin mucaa gadameessa keessaa erga ulfaa’amee ji’a 4 – 5 tti eegala.
- Mucaan garaa keessa jiru/tu guyyaatti yoo xiqqaate si’a 12 socho’a/ti.
- Ulfaatinni obbaatii (placenta) 1/6 ffaa ulfaatina mucaati.
- Dubartiin tokko erga deessee, madaan qaama hormaata isheerra hin jiru tanaan yeroo kamittuu walqunnamtii saalaa rawwachuu dandeessi (gama fayyaatiin).
- Dubartiin tokko erga desseen ykn erga irraa baheen booda yoo harma hoosisuu baatte, torban 3 – 4 keessatti ulfa’uu dandeessi.
- Harma hossisuun ulfa itti aanu ittisuuf ni gargaara (Garuu ulfa ittisuuf ga’aa ta’uuf sirriitti hoosisuu qabdi).
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!




