Dhukkuba Kintaarotii Miilaa

Dhukkuba Kintaarotii Miilaa

Dhukkuba Kintaarotii Miillaa (Plantar Warts) fi Miidhaa Inni qabuu fi mallattoo isaa fi yaala isaa.

Kintaarotiin miillaa, saayinsii fayyaa keessatti ‘Plantar Warts’ jedhamuun kan beekamu, dhibee gogaa baay’ee baramaa fi yeroo tokko tokko immoo rakkina fayyaa cimaa uumuu danda’udha. Dhibeen kun gogaa faana miillaa irratti kan uumamu yoo ta’u, sababa weerara Vaayirasii Human Papillomavirus’ (HPV) sanyiiwwan 1, 2, 4, 60, fi 63 jedhamaniin dhufa. Vaayirasichi madaa ijaan hin mul’anne (micro-abrasions) kan gogaa miillaa jalaan uumaman hordofee, seelota gogaa jala jiran keessa gala. Vaayrasiin kun Seelota kana keessatti DNA isaa makuun akka isaan garmalee baay’atanii fi pirootinii keratin jedhamu garmalee akka oomishan taasisa. Miilli keenya yeroo baay’ee kophee keessatti waan haguugamuuf, bakka jiidhaa fi ho’aa vaayirasichi itti baay’atu uuma. Kunis gogaan bakka sanaa akka jabaatu, furdatu, fi dhukkubbii uumu godha.

Kintaarotiin miillaa yeroo nuti deemnu gara keessaatti dhiibamaa waan deemuuf, kintaarotii qaama biroo irratti ba’u irraa adda ta’e dhukkubbii cimaa akka qabaatu godha.

Akkamitti dhibeewwan gogaa biroo irraa adda baafnee beekuun danda’ma?

Mallattoolee isaa:

Yeroo baay’ee Gogaa jabaataa, gogaa du’e fakkaatu koomee, lafee miillaa jalatti cirracha fakkaatee Baha.

Dhukkubbii Cinaa (Pinch Tenderness):

Kiintaarotiin kun Yeroo deeman ol nama waraanuu danda’a, Garuu yeroo baay’ee Yoo cinaacha irraa dhiiban yokan yeroo cinaadhaan qabnu (squeeze) garmalee caalaa dhukkubuu danda’a. Kun waan adda isa taasisuu fi dhukkuboota biroo irraa ittiin adda baafamudha.

Yeroo deemnu dhiibbaan qaama keenyaa kintaarotii sana gara keessaatti dhiiba/cunqursa, Kunis kiintaarotichi akka bal’atu fi gara gubbaatti osoo hin taane gara keessaatti akka guddatu godha. Kana jechuun Kiintaarotii kana yeroo ijaan ilaallu caalaa yeroo harkaan qabnu guddaa akka ta’e beeksisa, sababni isaas gara keessatti guddata.

Also Read  Unit 3 Clinical Manifestation Of DM & Managemet Of Acute Complications

Bakka Kintaarotii sana yoo xiqqoo soofne, tuqaaleen gurraacha xixinnoo ni mul’atu. Kunniin hiddoota dhiigaa xixinnoo (capillaries) sababa vaayirasichaan kintaarotii sana sooruuf uumamanidha.

Kintaarotii miillaa
Namatti darbuu danda’a; meeshaa miilaa kan akka kaalsii fi kophee waliin fayyadamuu fi lafa jiidhaa, fi gogaa irraa gogatti tamsa’uu danda’a.

Vaayrasichi Bakka jiidhaa qabuu fi namni baay’een miilla qullaa itti deemu (mana dhiqannaa, bishaan daakaa) irraa daddarbuu danda’a.

vaayirasichi gogaa qunca’e irraa dhangala’ee lafa irra turuu danda’a. Namni madaa xiqqaa miilla irratti qabu yoo bakka san irra miilla duwwaa deeme, vaayirasichi salphaatti gara qaamaatti gala. Dabalataan, kintaarotii miilla irratti bahe quncisuun vaayirasichi iddoo biraatti akka babal’atu (autoinoculation) taasisa.

Dandeettiin sirna ittisa qaamaa nama dhuunfaa vaayirasicha ofirraa ittisuu irratti shoora guddaa taphata; kanaan kan ka’e namoonni tokko tokko vaayirasichaaf saaxilamanis dhibichi irratti hin mul’atu. Kanaaf bakka dhiqannaa qaamaa waliinii fi kkf keessatti utuu hin beekin nutti darbuu danda’a.
Tooftaalee Yaalii Saayinsaawaa (Therapeutic Interventions):

Yaaliin kintaarotii miillaa deebii sirna ittisa qaamaa kakaasuu fi seelota vaayirasii qaban balleessuu irratti xiyyeeffata. Maloonni yaalaa gurguddoon armaan gadii jiru:

  1. Yaalii Keemikaalaa (Salicylic Acid):

Yaalli inni Kun kintaaroticha irraa gogaa du’e suuta suutaan quncaisee baasuun seelota vaayirasii qaban balleessa. Akkasumas, madaa xiqqaa uumuun sirni ittisa qaamaa bakka sanatti dhufee vaayirasicha akka lolamu kakaasa. Yaaliin kun yeroo dheeraa (torbanoota 6-12) fudhachuu danda’a.

  1. Yaalii Dilallessuu (Cryotherapy):

Nitrogen dhangala’aa (liquid nitrogen) fayyadamanii kintaaroticha qabbana hamaan akka gogu fi dhangala’aa uumee akka qunca’u gochuudha. Kun kintaaroticha irratti madaa uumuun vaayirasichi dhuunfatamee akka badu taasisa.

  1. Yaala Sirna ittisa Qaamaa Immunotherapy:

Qorichoota akka ‘Imiquimod’ ykn ‘Candida antigen’ fayyadamanii sirna ittisa qaamaa dhimma kintaarotii sanaa irratti qofa akka xiyyeeffatu gochuudha. Malichi keessumaa kintaarotiiwwan yaalii biraatiin baduu didaniif tajaajila.

  1. Tooftaa baqaqsanii yaaluu Opireeshinii fi Laser:
Also Read  Trachoma

Dhukkubni kun yoo tooftaan yaalaa kanaan duraa milkaa’ina dhabe, Opireeshinii xiqqaadhaan kintaaroticha muranii baasuu (currettage) ykn ifa ‘Laser’ fayyadamanii hidda dhiigaa kintaaroticha sooru gubanii dhabamsiisuudha.

Walumaagalatti, kintaarotiin miillaa (Plantar Warts) dhibee vaayirasii gogaa faana miillaa irratti uumamu yoo ta’u, dhibee baramaa fi yoo cime rakkisaadha. Dhibeen kun dhalootaan kan dhufu osoo hin taane, karaa vaayirasii HPV naannoo keenya jiruun kan daddarbudha. Mallattoolee isaa sirriitti beekuun, haala daddarba isaa hubachuu, fi yaalii saayinsaawaa ogeessa fayyaan kennamu hordofuun dhibee kana guutummaatti balleessuuf ni gargaara. Ittisni dhibee kanaa keessumaa qulqullina dhuunfaa eeggachuu fi iddoolee waloo keessatti of eeggannoo gochuudha.

Dhukkubni Kintaarotiin miillaa dhibee ittis qaamaa (immune system) waliinis walitti dhufeenya qaba. Yoo dhibeen kun baay’ee isinitti deebi’a ta’e ykn isinirraa baduu dide, ogeessa gogaa (Dermatologist) dubbisuun dhimma murteessaadha.

Guyyaa Muraasa booda Haala kamiin Dhibee kana mana keessatti yaaluun akka danda’amu bal’inaan isiniif maxxansina.
Facebook
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godhaa

Nu Quunnamaa

Comments

No comments yet. Why don’t you start the discussion?

Leave a Reply