Dhaaltummaa (Darbiinsa Yeroo Himata Dhaaltummaa)

Dhaaltummaa (Darbiinsa Yeroo Himata Dhaaltummaa)

DHAALTUMMAA (DARBIINSA YEROO HIMATA DHAALTUMMAA)

​🌟Darbiinsi yeroo (limitation period) dhimma seeraa keessatti gahee guddaa qaba. Sababni isaas, mirgi nama tokko yeroo murtaa’e keessatti yoo hin raawwatamne ykn yoo hin gaafatamne akka badu ykn daangeeffamu taasisa. Kunis tasgabbii hawaasaa fi sirna seeraa eeguuf barbaachisaa dha.

🛡️​Keessattuu, himata dhaaltummaa keessatti darbiinsi yeroo murteessaa dha. Sababni isaas, qabeenya dhaalaa irratti falmiin yeroo dheeraa yoo itti fufe walitti bu’iinsa maatii fi hawaasaa fiduu danda’a. ⏳ Kanaafiin aniis yeroo baay’ee dhimma dhaalaa kana kallattii garagaraan akkaan maxxansuuf dirqama.

​Barreeffamni kun bu’uura Seera Hariirii Hawaasaa (SHH) Murtiilee dhaddacha ijibbaataa dhimma kanaan wal qabatuu fi seeroota kanneen biroo irratti hundaa’ee, darbiinsa yeroo himata dhaaltummaa bal’inaan ibsa. 📖

​ 1. DARBIINSA YEROO HIMATA DHAALTUMMAA (KEEWWATA 1000)
​Darbiinsa yeroo himata dhaaltummaa SHH keewwata 1000 jalatti kan tumamee yoo ta’u, bakka sadiitti ilaalamuu danda’a:

​ 1. Keewwata 1000(1):
Himataan mirga isaa fi qabeenyii dhaalaa himatamaan qabamuu gaafa beeke irraa kaasee waaggaa (3) keessattii yoo hin dhiyaatiin (mormiin yoo ka’e) darbiinsa yerootin haafa ni ta’a.

➡️ Kun qabeenya socho’uu irratti caalaa hojiirra oola.

​ 2. Keewwata 1000(2):
Gaafa dhaalchisaan du’e ykn himataan mirga isaatiin fayyadamuu gaafa danda’erraa kaasee waggaa (15) booda darbinsaa yerootiin ni dangeffamaa.
🔍 Hiika isaa:
Himataan beekuus yoo beekuu baate illee, erga dhaalchisaan du’ee waggaa 15 booda himata dhiyeeffachuun hin danda’amu. ➡️ Kun “absolute limitation” jedhamee beekama.

📌 SHH keewwata 1000(2).
💥 #Dhaddacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa Jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 120841 hiikoo dirqisiisaa kenne.

​👉🏻 3. Keewwata 1000(2):
” ርዕስት) ykn ristii ” / family immovables” sanyii irra darbee yoo ta’e darbiinsa yerootiin hin dangeeffamu.
🔍 Hiika isaa:
Qabeenyi dhaalaa sanyii irraa darbe (akka lafa abbaa irraa gara ilmaa itti fufu) yoo ta’e, yeroo kamiyyuu himata dhiyeeffachuun ni danda’ama.➡️ Kun mirga dhaaltummaa cimaa dha. 💪

​✍🏻 DARBIINSA YEROO QABEENYA SOCHO’UU FI HIN SOCHONE
​- Keewwata 1000(1) – qabeenya socho’uu 🚗
– Keewwata 1000(2) – qabeenya hin sochone 🏠
🔍 Ibsa:
​Qabeenya socho’uu (fkn: maallaqa, beeyladaa) → waggaa 3
​Qabeenya hin sochone (fkn: lafa, mana) → hanga waggaa 15
​✍🏻 Darbiinsaa yeroo himata dhaaltummaa falmii dhaaltoota jidduttii ka’urattii rawwatamuu hin qabu. ❌

Also Read  Iraan irraa biyyoonni Sunnii maal barachuu qabu?, Kutaa 2ffaa

​⚖️ 3. FALMII DHAALTOOTA GIDDUUTTI DARBIINSA YEROO
​✍🏻 Darbiinsi yeroo himata dhaaltummaa falmii dhaaltoota jidduttii ka’urattii rawwatamuu hin qabu.
🔍 Hiika:
Dhaaltotni wal gidduutti yoo falman, yeroo isaanii hin daangeessu.
➡️ Sababni: isaan mirga walqixxummaa qabu. 🤝
​⚖️ 4. FALMII DHAALTUU FI GAREE 3FFAA GIDDUUTTI
​✍🏻 Darbiinsa yeroo falmii dhaaltuu fi nama dhaaltu hin ta’in jidduttii ka’uuf raawwatiinsa qabu kan keewwata 1845 (isa waggaa 10) dha. 🔟
🔍 Hiika:
Namni dhaalaa hin taane qabeenya dhaalaa yoo qabate, waggaa 10 keessatti himatamuu qaba.

📌 SHH keewwata 1845 fi #Dhaddacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 6ffaa Lakkoofsa Galmee 25664.

​📜 DARBIINSAA YEROO DHAMMOO IRRATTII MORMII DHIYAATUU
​Dhaamoon argamee bakka dhaaltonnii ykn bakka bu’onnii isaanii argamanittii qulqulleessituu dhaalaatiin akka dubbifamu fi dhaamichii qulqulleessituu dhaalaatiin akka dubbifamu ni taasifama. Ulaagalee seeraa guutuu isaas ni qoratu. Qorannoo seeraa erga gaggeeffamee kana booda namni moormii qabu dhimmichii kuufaa akka taa’uuf himata mana murtiiti dhiyeessuu ni danda’a. ⚖️

👉 Darbiinsi yeroo kun immoo kewwata 973 fi 974 jalatti tumameera. Bu’uura kanaan:
​✍🏻 1. Keewwata 974(1):
Guyyaa ibsii himata dhiyeefachuu qulqullessituu dhaalatiif barreffamaan dhiyaate kaasee hanga ji’a 3 isaan kuniin namoota gaafa dhaamoon dubbifamu jiran yoo ta’u, Guyyaa dubbiffamera guyyaa 15 keessatti yaada isaanii ibsachuu qaban. 🗓️

​📌 Namoota gaafa sana hin jireef lakkofsii kan eegalu gaafa qulqulleesituun dhaalaa waa’ee kaffaltii dhaalaa irratti yaada qabu, itti himeedha. Kewwata 971(2) guyyaa 40 booda.
​✍🏻 2. Keewwata 974(2):
Dhaamoon yoo jiraate eerga erga dubbiffamee yoo hin jirattiin dhaalchiisaan erga du’ee waaggaa 5 booda moormiin gonkummaa hin dhiyaatu. ✋

​⚖️ #HIMATA_DHAALTUMMAA_DARBIINSA_YEROON_HIN_DHOORKAMNE
​✍️ Qabeenyi dhaalaa ‘ristii’ sanyii irraa darbe yoo ta’e dhaaltuun yeroo kamiiyyuu dhaaltummaan akka beekkamuu fi qabeenyi dhaalaa kun akka deebi’uuf himata dhaaltummaa dhiyeessuu akka danda’u keewwata 1000 (2) jalatti tumameera. Haa ta’u malee akka kew. 1000(2) himatni dhaaltummaa darbiinsa yerootiin hin dhorkamne kun qabeenya dhaalaa akkamii ilaallata? 🤔

Also Read  National Election Board of Ethiopia

✍🏻 Fakkeenyaaf, qabeenyi dhaalaa mana yoo ta’e himatni dhaaltummaa darbiinsa yerootiin hin dhorkamne kun mana ni ilaallataa? Gaaffii kanaaf gama abbootii seeraatiin deebiin walfakkaatu kennamaa hin jiru. 271 Abbootiin seeraa tokko tokko akka kew.

Nu Quunnamaa

Comments

No comments yet. Why don’t you start the discussion?

Leave a Reply