
Hiyyummaan Afrikaa gabrummaa kolonii warra adii irraa kan dhufee miti.
Abbaan qabeenyaa beekamaan Elon Musk, yaada isaa kan miidiyaa hawaasaa ( X) kan kanaan dura Twitter jedhamu irratti ibseen, hiyyummaan Afrikaa koloneeffannaa warra adii (koloniyaalizimii) irraa kan madde akka hin taane dubbateera.
Mormii kana mirkaneessuuf immoo seenaa Itoophiyaa fi biyya Veetenaam akka fakkeenyaatti wal bira qabuun fayyadameera.
Yeroo baay’ee Biyyoonni Afrikaa nuti wanti hiyyeessa taaneef warra Adii Yokan warra dhihaa tiin gabrummaa jela turree koloneeffannaa isaanii jela turre jedhuu. Garuu kun dhugaa miti jedha. Fakkeenyaaf Itoophiyaan waggoota dheeraaf biyya bilisummaa qabdu (kolonii jala hin galin) turte ta’us, guddina dinagdee gahaa hin galmeessine hiyyummaa keessa jirti jedha. Faallaa kanaatiin, Veetnaamiin isheen kolonii Faransayiin jala buluun waraana waggoota hedduu lolaa fi gabrummaa humna alaa keessa dabarbite, amma guddina dinagdee cimaa ijaartee qabdi. “Sababni Afrikaan hiyyoomeef koloniidha yoo ta’e, Itoophiyaan kolonii jala hin turre waan ta’eef sooressa ta’uu qabdi turte; garuu kun hin taane, itiyoophiyaan biyya hiyyeettiidha, kanaaf himannaa warra adii nu hiyyoomse jedhu kana haa dhiisnu” jechuun ibse.
Garuu yaadni kun rakkoo Afrikaa baay’ee salphisee ilaala.
Dhugaan jiru, hiyyummaan Afrikaa sababa tokko qofaan hin ibsamu. Koloneeffannaan warra adii rakkoo Afrikaa keessatti gahee guddaa qabaachuun isaa dhugaa seenaa ti; garuu hiyyummaan Afrikaa koloneeffannaa qofa irraa kan dhufe miti.
Sababoonni biroon hedduun walitti hidhamanii hiyyummaa fi rakkoo kana uumaniiru:
Mootummoonni Afrikaa baay’een hanga har’aatti bulchiinsa dadhabaa fi sirna itti gaafatamummaa hin qabneen uummata ofii hogganaa jiru.
Lammiin Afrikaa mootummaa isaa irraa kabaja gahaa hin argatu. Mootummaan aangoo qabate tokko yeroo baay’ee qeeqa fudhachuu hin barbaadu; dogoggora ofii sirreessuu irra, yakka fi kufaatii isaa qaama biraatti fe’uuf yaala. Kun ammoo guddina biyyaaf gufuu guddaa dha.
Malaammaltummaan, kiraa-sassaabdummaan, guddachuu fi namoonni dhuunfaa aangoo dhuunfachuun, seeraa biyya caalaa fedhii namoota aangoo irra jiran ol-kaasuu fi qabeenya biyyaalessaa akka qabeenya dhuunfaatti ilaaluun Afrikaa keessatti rakkoo hamaa ta’eera.
Akkasumas Afrikaan yeroo dheeraaf nagaa dhabuu fi waraana irraa gara waraanaatti darbuu keessa turte.
Walitti bu’iinsi biyya keessaa, waraanni daangaa, humnoonni hidhatanii socho’anii fi rakkoon amantii fi sabummaa, akkasumas tasgabbii dhabuu siyaasaa, misooma dinagdee fi hawaasummaa guddina boodatti harkiseera.
Daangaan biyyootaa fi qoqqoodinsi koloneeffattoonni Afrikaa keessatti kaayanii deemanis bu’uura wal dhabdee ta’ee hanga har’aatti itti fufeera. Daangaan sun yeroo baay’ee fedhii ummatoota, seenaa isaanii, aadaa isaanii fi hariiroo hawaasummaa isaanii osoo hin ilaalin murtaa’e. Kun immoo walitti bu’iinsa siyaasaa fi eenyummaa keessatti gahee guddaa qaba.
Afrikaan gabaa addunyaa keessattiis bilisummaa dinagdee guutuu argachuu hin dandeenye. Biyyoonni Afrikaa hedduun qabeenya uumamaa gatii xiqqaan alatti erguu, garuu oomishaalee warra dhiyaa fi Chaayinaa teknooloojii, industirii fi kkf gatii ol’aanaan bitatu. Kana jechuun Afrikaa keessaa qabeenyi ni ba’a; garuu bu’aan guddaan bakka biraatti hafaa jira.
Afrikaan kolonii jelaa baatee garuu kiyyoo Liqii alaa, deeggarsa haqa-qabeessa hin taane, waliigaltee daldalaa madaalawaa hin taane, fi dhiibbaa sirna dinagdee addunyaa keessatti hidhamtee jirti.
Rakkoon jijjiirama qilleensaa, hongee, rooba dhabuu, gammoojjummaa fi hanqinni oomisha qonnaa irra deddeebiin Afrikaa rukutaa ture. Kun immoo hiyyummaa, godaansa, beela, walitti bu’iinsa qabeenya uumamaa fi tasgabbii dhabuu dabaleera.
Imaammanni mootummoota Afrikaa hedduu dadhabaa dha. Barnoota, saayinsii, teknooloojii, qorannoo, industirii fi kalaqa irratti invastimantiin gahaan hin jiru. Bu’uuraaleen misoomaa kan akka daandii, ibsaa, bishaan qulqulluu, tajaajila fayyaa, mana barumsaa, teknooloojii odeeffannoo fi gabaa ammayyaa sadarkaa barbaadamuun hin babal’anne.
Kanaaf rakkoo Afrikaa hima gabaabaa tokkoon ibsuun hin danda’amu.
Yaadni Elon Musk dogoggora guutuu dubbate jechuunis hin danda’amu; garuu yaadni isaa hanqina guddaa qaba. Afrikaa hiyyoomsuuf koloneeffannaa qofatti quba qabuun gahaa miti. Akkasumas koloneeffannaan Afrikaa hiyyoomsuu keessatti gahee hin qabu jedhanii guutummaatti haaluun immoo seenaa, ragaa idil-addunyaa fi miidhaa sirna kolonii irraa Afrikaa mudate tuffachuu dha.
Fakkeenyi inni Itoophiyaa fi Veetnaam wal bira qabees xiinxala guutuu miti. Itoophiyaan koloneeffannaa dheeraa jala hin turre jechuun dhugaa dha; garuu Itoophiyaan dhiibbaa alaa, waraana, rakkoo daangaa, hidhattoota biyya keessaa, siyaasaa tasgabbaa’aa hin taane, fi rakkoo dinagdee keessaa fi diinoota alaa irraa bilisa turte jechuu miti. Warri alaa yeroo garaagaraatti dhimma Itoophiyaa keessa harka galfachuun dhiibbaa alaa mootummaa irratti gochuu, humnoota hidhatanii socho’an biyya keessaa deeggaruu, fi fedhii siyaas-dinagdee isaanii galmaan ga’uuf jecha waraana Babal’isuu irratti shira xaxaa turuun isaanii waan ifatti jiru dha. Kanaaf, “Itoophiyaan kolonii jala hin turre; kanaaf hiyyeettii ta’uu hin qabdu turte” jechuun xiinxala guutuu miti. Biyya tokko kolonii jala hin turre jechuun rakkoo siyaasaa, waraanaa, dinagdee fi dhiibbaa alaa irraa bilisa turte jechuu miti.
Biyyi Veetnaam koloneeffannaa Faransaayii, waraana guddaa, badiisa namaa fi qabeenyaa keessa darbite. Garuu boodarra mootummaa jabaa, imaammata industirii, barnoota, gabaa al-ergii, oomisha, teknooloojii fi tasgabbii biyya keessaa irratti xiyyeeffachuun guddina dinagdee ijaarte. Kanaaf “Veetnaam koloneeffatamtee garuu guddachaa jirti;
Jalqaba biyyi Veetnaam miidhaa kolonii fi waraanaa keessa darbite; garuu boodarra imaammata sirrii fi bulchiinsa qindaa’aa fayyadamuun of jijjiirte. kanaaf koloneeffannaan qofti hiyyummaa hin fidu” jechuun xiinxala salphaa ta’ee fudhatamuu danda’a garuu guutu miti.
Dhugaan jiru, Hiyyummaan Afrikaa koloneeffannaa qofaan hin uumamne; garuu koloneeffannaan sababa bu’uuraa keessaa tokko ta’uu isaa haaluun seenaa haaluudha. Koloneeffattoonni qabeenya uumamaa Afrikaa xuuxaniiru, humna namaa fi qabeenya ardii kanaa gara faayidaa isaaniitti geeddaraniiru, daangaa siyaasaa rakkoo qabu kaayaniiru, sirna bulchiinsaa ummata hin tajaajille hundeessaniiru, akkasumas dinagdee Afrikaa akka qabeenya uumamaa alatti erguu irratti hirkatu godhanii deeman.
Kana malees, Afrikaa keessatti humni namoota dhuunfaa yeroo baay’ee humna seeraa fi dhaabbilee caalee jira. Dhaabbileen mootummaa laafaa ta’uu, seerri nama hundarratti walqixa hojjechuu dhabuu, fi itti gaafatamummaan dhabamuun rakkoo guddaa dha.
Har’a immoo rakkooleen kun bulchiinsa badaa, malaammaltummaa, waraana, imaammata dogoggoraa, invastimantii xiqqaa, barnoota laafaa fi hanqinaa teknooloojii fi saayinsiitiin daran hammaatanii jiru.
Kanaaf dhugaan jiru baay’ee wal xaxaa dha: hiyyummaa Afrikaaf koloneeffannaan sababa kophaa miti; garuu sababa bu’uuraa keessaa tokko dha.
Rakkoo biraa guddaan ammoo akkaataa mootummoonni Afrikaa misooma itti hiikanidha.
Mootummoonni Afrikaa baay’een gama tokkoon “misooma, ijaarsa magaalaa, daandii, paarkii, gamoo fi pirojektoota gurguddoo hojjachaa jirra” jedhu. Garuu gama biraatiin, namoota kumaatamaan lakkaa’aman mana jireenyaa irraa buqqisu, bakka daldalaa isaanii diigu, hojii guyyaa guyyaa namoonni ittiin jiraatan jalaa balleessu, maatii hedduu hiyyummaa keessa buusu.
Kana jechuun ijaarsi misoomaa fi kufaatiin dinagdee ummataa waluma qixa deemaa jira. Haala kana keessatti jijjiiramni qabatamaan dhufuun ni ulfaata.
Yoo namni hedduun hojii dhabe, hiyyummaan ni dabala. Yoo hiyyummaan dabale, galiin mootummaa ni hir’ata. Yoo galiin mootummaa hir’ate, mootummaan ofii isaafis ni hiyyooma.
Mootummaan pirojektii maallaqa hin galchine tokkoof jecha madda galii hawaasa bal’aa yoo miidhu, bu’aa osoo hin argatin baasii guddaa keessa seena. Kun hanqina baajataa hamaa mootummaa sana irratti fida. Hanqina baajataa sana guutuuf immoo gibira ol kaasa, baasii jireenyaa dabala, ummata irratti dhiibbaa uuma. Kun oolee bulee mootummaa fi ummata gidduutti qaawwa guddaa uuma.
Misoomni dhugaan qorannoo irratti hundaa’ee mirga hawaasa eegee bu’aa fi miidhaa wal bira qabuun raawwatama malee siyaasa qofaan hin raawwatamu, misoomni lafa irraa nama kaasuu danda’a garuu jireenya namaa madda galii fi kkf guutummaa guututti hin diigu. Magaalaa bareechisuun barbaachisaa dha; garuu magaalaa bareechisuuf jecha jireenya hiyyeeyyii balleessuun misooma osoo hin taane miidhaa hawaasummaa fida. Daandiin ijaaramu gaarii dha; garuu daandii sanaaf jecha namni hojii fi mana isaa dhabees deeggarsa argachuu qaba, yoo namni sababa pirojektii sanaaf hiyyummaa keessatti kufe, bu’aan misoomichaa Guutuu ta’uu hin danda’u! Gama tokkoon biyya irratti hiyyummaa dabalaa jira waan ta’eef.
Rakkoon guddaan mootummoota Afrikaa hedduu keessa jiru tokko sammuun isaanii cufamaa ta’uu dha. Qeeqa ummataa fudhachuuf qophii miti. Yaada haaraa simachuuf fedhii hin qaban. Nama beekumsa qabu akka qabeenya biyyaatti ilaaluu hin beekan, Afrikaa keessatti beekaan yoo mootummaa faarse malee yeroo baay’ee akka diinaatti ilaalama. Kun kasaaraa guddaa dha.
Biyyi tokko poolisii tokko yookaan milishaa tokko leenjisuuf ji’a sadii hanga ji’a jaha qofa itti fudhachuu danda’a. Garuu hayyuu tokko, ogeessa tokko, nama yaadaa fi beekkumsaan biyya jijjiiruu danda’u tokko argachuuf waggaa 20 hanga 30 itti fudhata. Yoo poolisiin yookaan milishaan ji’oota muraasa keessatti qophaa’e tokko, hayyuu waggoota dheeraa keessatti ijaarame ajjeese yookaan ukkaamse, biyyi sun gara fuulduraatti osoo hin taane gara duubaatti deebi’aa jirti.
Kanaaf, hiyyummaa Afrikaa keessaa bahuuf wanti barbaachisu koloneeffannaa qofa komachuu miti; koloneeffannaa haaluus miti. Wanti barbaachisu seenaa sirriitti hubachuu, dogoggora keenya sirreessuu, bulchiinsa gaarii ijaaruu, seera jabeessuu, malaammaltummaa balleessuu, nagaa fi tasgabbii uumu, barnoota fi teknooloojii irratti invast godhuu, qabeenya uumamaa gara oomisha xumurameetti jijjiiruu, fi misooma jireenya hawaasummaa giddu galeessa godhate irratti hojjechuu dhaan Afrikaan hiyyummaa keessaa bahuu dandeessi. Garuu kanaaf itti gaafatamummaa seenaa fi itti gaafatamummaa har’aa wal bira qabdee ilaaluun barbaachisa.
Mootummoonni Afrikaa har’aas dogoggora guddaa hojjechaa jiru. Dhugaa kana haaluu fi mootummoota Afrikaa faarsuun gonkumaa furmaata hin fidu.
Bulchiinsi badaa, malaammaltummaa, waraana, imaammata dogoggoraa fi misooma hawaasa biyyattii giddu-galeessa hin godhanne itti fufuun isaanii hiyyummaa sana itti fufsiisaa jira.
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa




