
YEROO SUHUURII:
- Bishan gahaa dhugaa. Keessattu namoonni naannoo gammoojjii fi hoo’aa jirtan—ifxaarii fi suhur jidduu bishaan sirritti dhugaa. Yoo xiqqaate bishaan hanga litirii lamaa.
- Akkasumas, kuduraalee fi fuduraalee bishaan nuuf kennuu danda’an kan akka habaabaa (bixxiqqii), salaaxaa fi timaatimii fayyadama.
- Dhugaatiiwwan kaaffinii qaban—kan akka bunaa, shaayii fi dhugaati akka CocaColla (kookaa) fa’a— dhuguun fincaan namatti heddummeessuun dhangala’aa qaama keessa jiru xiqqeessuun miira dheebuu namatti jabeessa. Kanaaf, dhugaatii kanniin keessatuu yeroo suhuurii otoo dhiistanii filatamaadha.
- Wolumaagalatti nyaanni yeroo suhuurii nyaannu Kuduraalee (vegetables), kallee (buuphaa), qurxummii, foon lukkuu, aanaan, akkasumas daabboo garbuu, ajjaa fi biddeena keessaa yoo ta’e filatamaadha.
- Nyaata garmaalee mi’a’an fayyadamuu dhiisaa.
- Nyaata dibatni (zayitiin, dhadhaan, coomni) itti baay’ate hirdhishaa. Kun guyyaa irratti singiggoo isinitti hammeessuu danda’a.
- Nyaata sooqiddi itti baay’ate nyaachuu dhiisaa. Sooqidda nyaata keessatti garmalee xiqqeessinee fayyadamuu. Iddoo sooqiddaa, mi’eessituu garagaraas fayyadamuu dandeenya.
- Nyaata xiqqeessinee, suuta suutaan nyaachuu. Yeroo tokkoon baay’isnee nyaachuun gubaa laphee fi singiggoon akka nu madatu gochuu danda’a.
- Sorataalee kaarboohaydireetii gaarii hin taanee kan akka paastaa, ruuza adii, mokoroonii, soodaa (lallafaa), keekii, shaayii sukkaaraa, kuukisii, fi daabboo qamadii daakuu furnoo irraa hojjataman kunniin—erga nyaatamanii booda yeroo sa’aa muraasa keessatti gara gulukoositti jijjiramuun hamma sukkaara qaamaa akka dafee olkaa’uu fi san booda dafee bu’u godhuun miira dadhabbii, humna dhabuu fi beelaa namatti cimsu. Kanaaf, isaan caalaa nyaatota biroo filadhaa fkn dabboo garbuu, buddeena, misira, baaqeela, mixaaxisha, atara, ruuza adii hintaane (brown rice) fa’a irraa waan hojjataman filadhaa.
—-
Ramadaana Milkii!
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
—-
Dr. Nuredin Luke





